Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Jalqaba jechatu ture; jechi Rabbiin bira ture; jechillee Rabbiin ture.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Jalqaba dubbiin ni ture, dubbiin'llee Waaqa bira ni ture, dubbiin kun'llee Waaqa ni ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Jalqaba jechatu ture; jechi Rabbiin bira ture; jechi kun Rabbiin ture.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:1
39 Referans Kwoze  

Ammallee Abbaa kiyya ulfinna uduu adunyaan hin uumaminiin duratti si biraa qabuun ati uf biratti na kabajji!


Uffata dhiinni itti faca'eeru uffateera, maqaan isaa dubbii Rabbiiti jedhameera.


Innillee maraa dura, martuu isaan wol qabateera.


Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.


Aalfa'aa fi oomeegaa, ka duraatii fi ka maayessaa, ka jalqabaatii fi ka dhumaa ana.»


Kun jalqabumaa Rabbiin woliin ture.


Ka jiru, ka ture, ka dhufu, ka maraa danda'u Waandhi Gooftaan, «Alfa'aa fi Oomeegaan Ana» jedha.


Inni adaba Rabbiitiin jiraata'aa uduu jiru, Ulfinna Rabbummaa Rabbii woliin isa qixxeessu akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne.


Wonti dubbatame sunillee, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilmallee hin deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u.


Ani Aalfa'aa fi oomeega'a, jalqabaa fi dhuma; ka dheebote burqaa jireennaa irraa akkanumaan kennaaf.


Yesuus Kiristoos kalleessa, adhaa haga bara baraa sanuma.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»


Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufeera; ammallee biyya lafaa gad dhiisa; gara Aabbaallee hin deema.


Hennaa isa arge ani akka nama du'e ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa narra kaayee akkana naan jedhe.


Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef.


Abdii eebbifamaa keennaa, innillee mudhata kabajjamaa Rabbiin keenna gudda'aa fi qoricha keennaa Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa.


Abbaa fi haadha laakkoofsa hidda dhalootaallee hin qabu. Barrinii fi jireenni isaa jalqabaa fi dhuma hin qabu. Haata'uu ammoo akka Ilma Rabbii, baraa haga bara baraa gadaa ta'ee jiraata.


Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi: inni Amiin jedhamu ka amanameef ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha.


Innillee dubbii Rabbiitiif waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage.


Ayyaanni dhuga'a, ka ragullee Ayyaana.


Abboonnillee ka isaanii waan ta'eef isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate, Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin.


Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Sarminees keessa jirtuu, akkana jedhii barreessi. Ka du'ee ture, ka jiraataa ta'e, ka duraatii fi ka dhumaa akkana jedha.


Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif;


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Hennaa maraa Rabbiin galatoonfata'aa mana woyyuu keessa jiraatan.


Yesuusillee, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, uduu Abrahaam hin dhalatiin, ani hin jira» isaaniin jedhe.


Innillee fakkeenna Waaqa hin mudhanneti. Teessoon mudhatanii fi hin mudhanne, gooftummaan, bulchuun, baalliin, ardi'ii fi samii irra worra jiranillee yoo ta'an, martinuu waan isaan uumamaaniif, uumama maraayyuu hangafa, martinuu isaan isaaf uumameera.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite