Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 9:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantaa isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Achii'llee namoonni siree irra ka ciisee jiru, nama naafa tokko qabatanii gara isaa ni fidan. Inni'llee amantii isaanii laalee naafttichaan, «Yaa ilma kiyya! Jabaadhu, cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantii isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 9:2
32 Referans Kwoze  

Yesuus garagalee isii argee, «Intala tiyya, jabaadhu! amantaan kee si fayyiseera» jedheen; dubartittiinillee yeroma san irraa jalqabdee fayyite.


Haata'uu ammoo namni tokko, «Ati amantaa qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantaa kee huji'iin adda baasii na mudhisi; ani amantaa kiyya huji'iin si mudhisa» jedha.


Kanaafuu uffata isaa fuudhanii gara worra dhibamanii fidanii, worra dhibamaniin hennaa tuqan, isaanillee hin fayyan; ayyanni hamaanillee isaan keessaa baye.


Yesuusillee, «Ijoollee tiyya! Waan nyaatan qabduu?» isaaniin jedhe. Isaan, «Hin qabnu» jedhanii deebisaniif.


Yesuus hennaa waan kana dhagaye maalalee worra isa hordofuun, «Ani isinitti himaa, Isiraa'eliin keessatti amantaa guddaa akkanaa nama qabu tokkochallee hin argine.


Gurri isaallee biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii, dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan. Yesuusillee isaan fayyise.


Kana calla'aa miti, haata'uu ammoo araara amma argane karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiinillee uf janya.


Namni kunillee Phaawuloos hennaa dubbatu caqasa'aa ture. Innillee fayyu'uuf akka inni amantaa qabu hennaa arge,


Nageenni na'aan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera, biyya lafaa keessa hennaa jirtan hin rakkattan, haata'uu ammoo jabaadhaa'a! womaa mit ani biyya lafaa mooyadheera.»


Haata'uu ammoo, Ilmi namaa biyya lafaa irratti dhiifamsa cubbu'uu kennu'uuf baallii akka qabu beekaa'a!» isaaniin jedhe. Namicha laamshayaa saniin, «Ka'ii Itillee tee baadhadhuu deemi!» jedheen.


Haga aduun dhiiteen maayii, namoota jinni'iin qabaman heddu isaanii gara Yesuusii fidan. Innillee dubbii ufiitiin jinnoota baasee, worra dhibame maraa fayyise.


Innillee, «Intala tiyya, amantaan kee si fayyiseera; nagayaan deem; dhibee kee irraallee fayyi» isi'iin jedhe.


Hennaa aduun dhiite worra dhibamanii fi worra jinniin keessa jiru maraa gara isaa fidan.


Akkuma nu worra nu yakkuuf dhiifnu, yakka keenna nuu dhiisi.


‹Cubbuun kee sii dhiifameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii deemi› jechuu irra kamtu salpha'a?


Hennama san Yesuus ammoo, «Jabaadhaa'a! anaa, hin sodaatinaa'a!» jedhee dubbate.


Martinuu isa arganii bararraaqan. Inni, «Jabaadhaa'a! na'aa, hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe.


Yesuus dhaabatee, «Isa as waamaa'a!» jedhe. Inni akkasi jennaan isaan namicha waamanii, «Inni si waama'aara, jabaadhu! ka'i!» jedhaniin.


Halkan lammaffa'aa Gooftaan maddii isa dhaabatee, «Phaawuloosii kiyya, Yerusaalemitti waan kiyyaaf akka ragaa baate, akkasuma Rooma'aattillee ragaa akka baatu hin barbaachisaa jabaadhu» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite