Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 9:13 - WAADAA LAMMATAA

13 Haata'uu ammoo dhaqa'aatii barreeffama araaraa barbaadaa malee, ciinca'aa miti dubbii jedhu hiikkaan maal akka ta'e baradhaa'a. Ani Cubbamoota gara araaraa waamu'uuf dhufe malee, qajeellota waamu'uufii miti» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

13 Deemaa, ‹ani ka barbaadu dhiifama malee kitima'aa miti› jedhamee, ka barreeffame maal jechuu akka ta'e qoradha'aatii hubadhaa. Ani ka dhufeef qulqullaawota uduu hin ta'in, cubbamoota gara dhiifamaa titti waamu'uuf» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Haa ta'uu ammo dhaqa'aatii barreeffama araaraa barbaadaa malee, ciinca'aa miti dubbii jedhu hiikkaan maal akka ta'e baradhaa'a. Ani cubbamtoota gara araaraa waamu'uuf dhufe malee, qajeellota waamu'uufii miti» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 9:13
39 Referans Kwoze  

Yesuusillee waan isaan jedhan dhagayee, «Dhukkubsattootaaf malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi fayya'aa hin barbaachisu. Ani cubbamtoota malee, qajeellota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe.


Ilmi Namaa worra bade soqee fayyisu'uuf dhufeera» jedheen.


Ani ka dhufeef cubbamoota gara dhiifamaa waamuuf malee, qajeellota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe.


Isin ammoo, «Ani ciincaa irra araara jaaladha ka jedhame maal akka ta'e uduu beettanii, worra yakka hin qabnetti hin murteessitan.


Akka namoonni gariin waan turu seeyan Gooftaan waan waadaa gale saniif hin turu. Haata'uu ammoo namni maruu akka aagii galuuf malee, eennullee akka hin banneef jedhee waan keessaniif obsa.


Eeganaa Gooftaa biraa guyyaan jajjabeennaa akka isinii dhuftuuf, waan dura isinii file Kiristoos Yesuusiin akka isinii ergu akka cubbuun keessanillee isinii haqamu, aagii galaa'a deebi'aa'a.


Isaan hennaa kana dhagayan cadhisaniiti, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galateeffatan.


Rabbi wonti kana godheef Israa'eliif dhiifamsa cubbu'uu isaanii kennu'uuf dabarsee akka kennamu isa qorsaa fi mataa godhee mirga ufiititti kabajjeen.


Maqaa isaatiin cubbuu irraa deebi'uu fi araarri cubbuu Yeruusaaleemiin irraa jalqabee gumii maraa irratti hin lallabama jedhamee barreeffameera.


Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf, cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalaqabe.


Pheexroosillee akkana jedhe, «Agii galaa'a; cubbuunillee akka isiniif dhiifamtu, marti keessanuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa'a. Kennaa Ayyaana Woyyu'uullee hin fudhattanii.


Eegasuu cubbuu irraa deebi'uu keessan waan mudhisu hojjadhaa'a.


Yesuus, «Isin barreeffama Woyyuu keessatti, ‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, inni dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e; kun Goofta'an ta'e, Ija keennaafillee waan baasaa ti!› Ka jedhu horomaa hin dubbifnee?


Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Daawitii fi worri isa woliin turan hennaa beelayan, waan inni godhe hin dubbifnee? Inni mana Rabbii seenee, xoroshoo ciinca'aa ka seerri gadootaaf malee, isaa fi worra isa woliin jiraniif hin kennine nyaate.


Rabbi waan worra du'aa ka'anii kitaaba Muuse'ee keessatti hulee waan saato'oo dubbatutti, ‹Ani Waaqa Abirahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi, Waaqa Yaaqoobii ti› jedhe.


Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, ‹Isin waaqolee tolfama'a› ka jedhe «Seera keessanitti akkuma barreeffamee mitii?


Yesuus deebisee, «Rabbi jalqaba, ‹Dhiiraa fi dubartii› taasisee isaan uume.»


Gadoonni guyyaa Sambataa mana woyyuu keessatti, Sambataan hojjatanii akka hin yakkine, isin Seera Muuse'ee keessatti hin dubbifnee?


Yesuus deebisee, «Wonti Seera Muuse'ee keessatti barreeffame maali'i? attamitti dubbiftee hiitta?» jedheen.


Rabbiin garaa guutu'uun, qalbii guutu'uun, hunna guutu'uun jaalachuun, nama akka mataa ufiititti jaalachuun, woreega ciinca'aatii fi woreega biraa Rabbiif dhiyeessuu caala» jedheen.


Yesuusillee deebisee, «Dhukkubsattootaaf malee, worra fayyaa qabuuf ogeessi fayya'aa hin barbaachisu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite