Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 9:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Worri Fariisotaa kana arganii, darasootaan, «Barsiisaan keessan maali'iif worra qaraxa guuruu fi cubbamoota woliin nyaata?» isaaniin jedhan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Fariisoonni kana arganii barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan qaraacotaatii fi fi cubbamootaan woliin, waayee maali'iitiif woliin nyaata?» isaaniin ni jedhan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Worri Fariisotaa kana arganii darasootaan, «Barsiisaan keessan maaf worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaata?» jedhan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 9:11
14 Referans Kwoze  

Ilmi Namaa nyaata'aa dhuga'aa hennaa dhufe, Isaan ammoo, ‹Daadhii woyini'ii dhugu'uuf ka nyaatee hin quufne hiriyyaa qaraxxootaatii fi cuubamtootaa ti› jedhaniin. Haata'uu ammoo Ogummaan Rabbii, hujii ufiitiin mirkanoofteerti» jedhe.


Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman.


Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni hennaa inni worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaatu arganii, barattoota isaatiin, «Inni maaf worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaata'aa dhuga?» jedhan.


Inni ammoo dadhabbii waan qabuuf, worra hin barannee fi worra dogoggoraniif garaa laafu'uufii danda'a.


Nu dhalootaan Yihuudota, worra cubbamoota Yihuudii hin taane sanii miti.


Maruu arganii keessummaa nama cubbamaa ta'u'uuf seenee jedhanii guunguman.


Eennullee barumsa kanaan gara mana keessanii yoo hin dhufne, hin simatinaa'a nagayallee hin gaafatinaa'a.


Worra isin jaalatu callaa yoo ka jaalattan ta'e, gatii maal qabdan? Worri Rabbitti hin bulle akkanuma godhaniimii ree?


Yesuus mana Maatewoosiititti uduu hurbaata nyaachu'uuf taa'eeru, worri qaraxa guuruuf cubbamoonni hedduu nyaachu'uuf, Yesuusii fi darasoota isaa woliin taa'an.


«Ati mana worra hin gadoomnee sentee isaan woliin nyaatte» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite