Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 8:6 - WAADAA LAMMATAA

6 «Gooftaa kiyya! Tajaajilaan kiyya guddisee dhukkubsatee laamshayee mana ciiseera» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 «Yaa Gooftaa, tajaajilaan kiyya naafa ta'ee, haalaan makkaraaru'uun, mana ciisee jira» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 «Gooftaa kiyya! Tajaajilaan kiyya guddisee dhukkubsatee laamshayee mana ciiseera.»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 8:6
12 Referans Kwoze  

Isinillee gooftoota! Samii irraa Gooftaa akka qabdan waan beettaniif garboota keessanii qajeellumma'aa fi fayyaalumma'aan isaan gargaaraa'a.


Gurri isaallee biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii, dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan. Yesuusillee isaan fayyise.


Achitti namni Giriikii, ka Yihuudi'ii, ka gadoomeef ka hin gadoomne, worra gowwaa ta'ee fi worra beekaa, worra wolaba ta'ee fi garbicha jidduu garaagarummaan hin jiru. Haata'uu ammoo Kiristoos maraaf maraa keessa jira.


Achittillee nama woggaa saddeetaaf laamshayee siree irra ciisa'aa ture, ka Eniyaa jedhamu tokko arge.


Ati ammaa achi akka garbichaatti uduu hin taanee akka obboleessa jaalatamaa garbicha caaluutitti simadhu. Inni keessattu eega naaf jaalatama ta'e sii ammoo foonii fi karaa Goofta'aatiinillee san caalaa jaalatama'a.


Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii kanniin barsiisii gorsi.


Maleekkaan isatti dubbate sun haga biraa deeme garboota mana isaa keessaa nama lamaan worra loltuu isaaf amanaman keessaa nama Rabbiin kaddaamu tokko waamee,


Ayyaanni hamaan laagaa gudda'aan iyya'aa namoota heddu keessaa baya'aa waan tureef naafatan hedduu fi worri hokkolullee hin fayyan.


Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantaa isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen.


Yesuus, «Ani dhufee isa fayyisa» jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite