Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 8:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Achiin maayessa Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkottillee hin himin; haata'uu ammoo deemiitii, gadichatti uf mudhisi; fayyuun kee nama maraaf akka ragaa ta'u, fayyuu keetiif kennaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Kanaan duubatti Yesus, namicha waashayinna irraa fayyeen akkana ni jedheen, «Waan kana eennutti'llee hin dubbatin, garuu deemiitii fayyuu kee qeesicha kee titti muldhisi, ragaa isaanitti akka ta'uu danda'u, waayee fayyuu keetiitiif kennaa Museen ajaje, Waaqaaf dhiyeessi!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Achiin maayessa Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkottillee hin himin; garuu deemii gadichatti uf mudhisi; fayyuun kee akka nama maraaf ragaa ta'u fayyuu keetiif kennaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 8:4
31 Referans Kwoze  

Yesuus hennaa isaan arge, «Dhaqa'aatii gadootatti uf mudhisaa'a!» isaaniin jedhe. Isaanillee achi uduu dhaqa'aaran fayyan.


Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkottillee hin himin; haata'uu ammoo deemiitii gadootatti uf mudhisi; akka ati fayyite, namni maruu akka beekuuf, fayyuu keetiif, ciincaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedhee isa ajaje.


Yesuus eennuttillee akka hin himne isaan seere. Isaan ammoo uduu inni isaan seeru, guddisanii odeessan.


Ijji isaaniillee hin banamte. Achiin maayessa Yesuus, eennullee akka hin beenne uf eeggadhaa'a» jedhee jabeessee isaan seere.


Bakka isin hin simannee fi hin dhageeffanne maratti achii yoo baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a; dhugamaan isiniin jedha guyyaa gaafa murti'ii qachatti tana caalaa biyya Soodomiitii fi Gamoora'aa hin salphata.» isaaniin jedhe.


Yesuus waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne jabeessee isaan seere; waan nyaattullee akka isi'ii kennan itti hime.


Hennaa gaaraa gadi bu'an «Yesuus, Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan kana eennuttillee hin himinaa» jedhee isaan seere.


Sababaa kiyyaaf isinitti murteessu'uuf jedhanii, gara bulchootaa fi moototaa isin dhiyeessan, isaaniif worra Yihuudota hin taane afo'otti worra ragaa naa bayu taatan.


Yesuus, «Namni akka isin arguuf jettanii hujii mishaa afoo isaaniititti akka hin hunye uf eeggadhaa'a! Akkas yoo gootan, Abbaa keessan ka samii jiraatu irraa gatii hin argattani.


«Ani waan seeraa fi waan raattonni barsiisan diigu'uuf dhufe hin seeyinaa'a. Raawwachu'uuf dhufe malee, diigu'uuf hin dhufne.


Ani ammoo kabajjamuu hin barbaadu. Ka kabajjamuu kiyya barbaaduu fi ka murteessullee ka biraa hin jira.


Ka ufirraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammoo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru.


«Ani nama irraa ulfinna hin fudhu. Haata'uu ammoo isin jaalala Rabbii akka uf keessaa hin qabne hin beeka.


Kunillee raga'aaf isinii ta'a.


Waan isaa eennuttillee akka hin himne isaan seere.


Achiin maayii Yesuus Kiristoosiin akka ta'e eennuttillee akka hin himne, darasoota ufii jabeessee seere.


Yesuus ammoo deebisee, «Akkanaan qajeellummaa maraa raawwachuu nu barbaachisa, amma na hoffolchi» jedheen. Yohaannisillee hin hoffolcheen.


«Isin uf eeggadhaa'a, isaan yaa'ii gara garaatitti dabarsanii isin kennan, mana sagada Yihuudotaa keessattillee hin tumamtan, naaf jettanii bulchootaa fi mootota afoo hin dhaabattan; kunillee ragaa isaanitti ta'a.


Yesuus ayyaanonni battiin sun Inni eennuun akka ta'e akka isa hin himneef jabeessee isaan ajaje.


Isaan uduu gaara irraa gad bu'aaran Yesuus, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan eennuttillee hin himinaa'a» jedhee isaan seere.


Jinniin ammoo, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbiiti» jedha'aa namoota hedduu keessaa iyya'aa bayani. Akka inni Kiristoosiin ta'e waan beekaniif, Innillee isaan teedeffate akka isaan hin dubbanne isaan dhoogge.


Worri isi'iillee hin maalalan. Inni ammoo waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne isaan ajaje.


Yesuus ammoo, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddisee rakkata, hin ajjeefama, guyyaa sadaffa'aatitti hin ka'a» jedhe. Waan kana ammoo eennuttillee akka hin himne jabeessee isaan seere.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite