Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 8:12 - WAADAA LAMMATAA

12 worri jeennata keessa taa'uu malan ammoo, hulee itti booyanii fi ilkaan itti qaran gara diidaa dukkanatti gataman» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Dhaaltota Mootummaa kana ta'uun ka isaaniin malu turan garuu, gara dukkana ala jiruu titti ni gataman. Achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 worri jeennata keessa taa'uu malan ammo hulee itti booyanii fi ilkaan itti qaran gara diidaa dukkanatti gataman» jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 8:12
19 Referans Kwoze  

Hojjataa gatii hin qabne kana, dukkana diidaatitti gad gataa'a, achitti booya'aa ilkaan qara» jedhe.


Hennaa Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raattota maraa jeennata Rabbii keessatti argitan isin ammoo gara diidaa gatamtan, achitti booya'aa ilkaan qartan.


«Kanaaf, akkana isiniin jedha, jeennanni Rabbii isin irraa fudhatamtee, banii daraaraa godhatuuf kennamti. [


Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran, qilee ibiddaatitti gatan» jedhe.


Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran, qilee ibiddaatitti isaan gatan.


Inni hojjataa san bakka lamatti baqassa, hiree isaallee worra fakkeessu woliin taasisa. Achitti booya'aa ilkaan qara» jedhe.


Akka hoomacha dambalii bisaaniitiin hoomachaawuuti; isaan akka urjii tuuttota huleen dukkana bara baraa isaanii qophaayeeti.


Worri akkanaa kunniin akka burqaa bisaan gogeetii fi duumessa bubbe'een oofamuuti. Dukkana akka male'eetitu isaan eeggata.


Rabbi Maaleekkota cubbuu hojjatan uduu garaa isaanii hin laafne, boolla dukkanaayaa keessatti akka murtii eeggatan dabarsee eega kenne,


Isaan worra Israa'elii waan ta'aniif, ilmummaa, ulfinna, kaku'uunillee seeri kennamuun sirni mana woyyu'uu dubbiin abdi'iilee ka isaaniiti.


Isin ammoo ijoollee raattotaatii fi Ilmaan kaku'uu ka Rabbi abbootii keessan woliin seene, Abrahaamiin sabni lafa irraa cufti, ‹Karaa fiixaa keetiitiin eebbifama› jedhe sanii ti.


Maasaan biyya lafaa ti; sanyiin mishaan ijoollee jeennataa ti.


Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite