Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 8:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Ani akkana isiniin jedha, namoonni hedduu isaanii baya biiftu'uutii fi dhiya biftu'uutii dhufanii, jeennata sami'ii keessatti Abirahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiin woliin taa'an;

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Baayi'eewwan baya adu'uutii fi gara dhiyaatii ni dhufan, Abraahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin'llee Mootummaa Sami'ii titti, nyaataaf ni taa'an.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Ani akkana isiniin jedha namoonni heddu isaanii baya biiftu'uutii fi dhiya biiftu'uutii dhufanii jeennata sami'ii keessatti Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin taa'an;

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 8:11
40 Referans Kwoze  

Garboonni gooftaan isaanii hennaa dhufu uduu hojjatan ka arguun, isaan worra eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, marxifatee isaan teessisee ufii dhaabatee isaan nyaachise.


Achitti namni Giriikii, ka Yihuudi'ii, ka gadoomeef ka hin gadoomne, worra gowwaa ta'ee fi worra beekaa, worra wolaba ta'ee fi garbicha jidduu garaagarummaan hin jiru. Haata'uu ammoo Kiristoos maraaf maraa keessa jira.


Isaan hennaa kana dhagayan cadhisaniiti, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galateeffatan.


Worri Pheexroosiin woliin dhufan maruu amantoonni gara worra gadoomanii ta'anii worra Yihuudota hin taane irratti kennaan Ayyaana Woyyu'uu waan bu'eef maalalan.


Inni Maleekkota ufii laagaa xurumbaa guddaa woliin hin erga. Isaanillee qaccee samiiwwaniitii haga qaccee samiiwwanii, daangaa lafaatii haga daangaa lafaa worra isaaf filatame wolitti qaban.»


Gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama,


Waan isaatiifillee worra rakkinni isin irra gayuuf, jeennata Rabbiitiif worra gayaa taatanii akka laakkayamtaniif kun malkata murtii qajeelaa Rabbiiti.


Amma ammoo Kiristoos worra du'anii hangafa ta'ee du'aa ka'eera.


Moo hammeeyyiin jeennata Rabbii akka hin dhaalle hin beettanii? Hin dogoggorinaa'a. Seebartoota yoo ta'an yookiin worra waaqa tolfamaa kaddaaman yookiin worra seebaran yookiin dhiira dhiira bira geettu,


Hennaa achi gayan woldaa kiristaanaa wolitti qabanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa worra Yihuudii hin taaneefillee Rabbi balbala amanta'aa akka isaanii bane himan.


Namichi hiyyeessi sun hin du'e. Maleekkonni Rabbii Abrahaamiin bira fidan. Dureessi sunillee du'ee awwaalame.


Yesuus hennaa waan kana dhagaye maalalee worra isa hordofuun, «Ani isinitti himaa, Isiraa'eliin keessatti amantaa guddaa akkanaa nama qabu tokkochallee hin argine.


Isaan deebisanii, «Inni worra hamoota hammeenna isaaniitiin isaan ajjeesa. Biqiltuu woyini'ii kana, qonnaan bultoota biraa hennama henna'aan yoo midhaan gaye isaa fidaniifiititti kenna.» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite