Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 7:29 - WAADAA LAMMATAA

29 Inni akka barsiisota seera Muuse'eetitti uduu hin ta'in, akka nama baallii qabuutitti waan isaan barsiiseef.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

29 Ka baaseffatan'llee inni akka barsiisota isaanii ka seeraa titti uduu hin ta'in, akka nama aangoo qabuu titti, isaan barsiisa waan tureef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

29 Inni akka barsiisota seera Muuse'eetitti uduu hin ta'in, akka nama baallii qabuutitti waan isaan barsiiseef.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 7:29
23 Referans Kwoze  

Yesuusillee deebisee, «Anillee baallii maali'iitiin waan kanniin akka godhe isinitti hin himu» isaaniin jedhe.


Ogumma'aa fi Ayyaana inni dubbatuun mormuu hin dandeenne.


Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna.


Yesuusillee gara isaanii dhufee, «Baalliin maruu ardi'ii fi sami'ittillee naa kennameera.


Ani ammoo akkana isiniin jedha. Diinota keessan jaaladhaa'a; worra isin miidhuufillee faateffadhaa'a. Yoo kana gootan ijoollee abbaa keessan ka samii jiruu taatani; Inni worra hammeeyyi'ii fi worra misha'aafillee aduu baasa; worra qajeela'aa fi worra qajeelaa hin taaneefillee hin roobsa.


Ani ammoo akkana isiniin jedha, yoo isiin seebarte malee, haadha manaa ufii ka hiiku maruu seebartuu isii taasisa; namni ta abbaa manaa jalaa baate fuudhu maruu hin seebara.»


Ani ammoo akkana isiniin jedha, namni ija hawwi'iitiin dubartii laale, garaa ufii keessatti isii woliin seebareera.


Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee, horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe.


Yesuus hennaa dubbii kana dubbatee fixe, gumiin barumsa isaa hin baaseffate.


Yesuus hennaa gaara irraa gadi bu'e, gumiin hedduu isa faana deeman.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite