Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 7:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu nama hujutu jeennata sami'ii gala malee, ka, ‹Gooftaa, Gooftaa› jedhee na waamu marti hin galu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 Yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! ka naan jedhu marrinuu gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenu, gara Mootummaa Waaqaa titti ka aseenu, fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu ka raawwatu.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Yesuus, «Nama fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatutu jeennata sami'ii gala malee ka, ‹Gooftaa! Gooftaa!› jedhee na waamu marti hin galu.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 7:21
49 Referans Kwoze  

Rabbiin afo'otti worra seera raawwatantu qajeellota ta'an malee, worri seera dhagayan waan qajeellota hin taaneef.


«Waan ani isinitti himu uduu hin hojjanne, maaf, ‹Gooftaa'a, Gooftaa'a› jedha'aa na waamtan.


Worra dubbii Rabbii raawwattan ta'aa malee, worra uf dogoggorsa'aa dubbii callaa dhageettan hin ta'inaa'a.


Inni deebisee, «Worra dubbii Rabbii dhagayee ajajamu caalaa ka eebbifame!» jedhe.


Isaan Rabbiin beenna jedha'aa ifa dubbatan. Haata'uu ammoo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif, hujii ufiitiin isa ganan.


Hulee harabaafataa san worri galu gari gariin hin jira. Dubbii gammachu'uu ka himame sanii ajajamuu waan didaniif hulee harabaafata isaanii kennameetitti waan hin galleef,


Namni Ilma isaa argee itti amanu maruu jireenna bara baraa haa argatuuf fedhiin abbaa kiyyaa kana. Anillee guyyaa dhumaa san hin kaasaan.


Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga.


karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Namni fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatu maruu, obboleessa kiyyaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.


Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.


Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u.


«Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii akka daa'ima kanaa yoo hin taane, gara jeennata sami'ii horoma hin galtan.


Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookiin ka ani ufi irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka.


Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiramaa malee, adunyaa tana hin fakkaatinaa'a.


Namni fedhii Rabbii raawwatu maruu obboleessa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya» jedhe.


Akka worra fedhii Rabbii raawwatuu akka garboota Kiristoosiititti malee, akka waan nama gammachiiftaniititti mudhachu'uuf hin ajajaminaa'a.


Waan mishaa huja'aa gowwoota waan faayidaa hin qabne hojjatan akka cadhisan taasisuun fedha Rabbii waan ta'eef.


Gooftaan isaa, ‹Mishaa goote, ati hojjataa amanama'a; waan diqqoo irratti amanamteerta, ani waan heddu irratti si muuda; koottuu gammachu'uun gara hulee gooftaan kee sii qopheessee seeni!› jedheen.


Fedhiin Rabbii akka woyyoomtaniif.


Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata.


Abbaan mana sanii balbala haga cufeen maayessa isin diida dhaabattanii, ‹Gooftaa Gooftaa nuu bani›! jedha'aa balbala dhayaa kadhattan. Inni garuu deebisee, ‹Eessaa akka dhuftan isin hin beeku› isaaniin jedha.


Dureessi gara jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqutu irra salpha'a» jedheen.


Ijji tee akka cubbuu hojjattu yoo si ataabde uf keessaa baasi. Ija lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galuu mannaa, ija takkattii qabaattee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddillee hin dhaamu.


Ammallee ani isinitti hima, dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaawa Limmo'oo keessa hulluuqu'utu salphata» jedhe.


Maarre isin keessaa tokko tokko obboleessa ufiitiif gara'aan yoo dhiisu'uufii dhabaate, Abbaan kiyya ka sami'iillee akkasuma isin irratti godha» isaaniin jedhe.


Ka na jibbu akkasuma Abbaa kiyyallee hin jibba.


Yesuus ammallee hennaa lammaffa'aaf isaan irraa siiqee, «Abbaa kiyya, mijuun rakko'oo tuni uduu hin dhunne narra lufuu ka hin danda'amne yoo ta'e, fedhiin tee haa taatu» jedhee faateffate.


Yesuus deebisee akkana isaan jedhe, «Ilma Yoona'aa Simoon kana ka sii ibse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namni kana waan sii hin ibsineef ati ka eebbifamte.


Ana uduu beettanii, akkasuma Abbaa kiyyallee hin beettan. Amma irraa jalqabdanii hin beettan argitaniirtanille'e» jedheen.


Yesuus ammoo, «Abbaan kiyya haga adhaa hin hojjata; anillee akkasuma hin hojjadha» isaaniin jedhe.


Diqqoo isaan irraa siiqee, kallachaan gad kufee, «Abbaa kiyya, yoo danda'ame, mijuun rakkinnaa tun narra haa luftuu; haata'uu ammoo akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin ta'in» jedhe.


Yesuus, «Ani isinitti hima, maleekkonni Rabbii ta sami'ii, ta isaan eeddu hennaa maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, daa'imman didiqqaa kanniin keessaa tokkollee akka hin tuffanne uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. [


Ammallee, ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa, biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galee yoo faateffate, Abbaan kiyya ka samii irra jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha.


Hennaa isaan bitatu'uuf deeman, Idaayyaan hin dhufe; durbi qophoofteertu sunniin isa woliin gara mana cidhaa haga seenan, balbalti hin cufame.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite