Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 6:9 - WAADAA LAMMATAA

9 «Kanaaf, hennaa faateeffattan: Abbaa keenna ka samii jirtu, Maqaan kee haa woyyoomu;

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Kanaaf isin akkana jedha'aatii kadhadhaa, ‹samii ka jiraattu yaa Abbaa keenna, maqaan kee haa galateeffamu,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 «Kanaaf hennaa Rabbiin kadhattan: Abbaa keenna ka samii jirtu, Maqaan kee haa woyyoomu;

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 6:9
43 Referans Kwoze  

Isinillee Ayyaana ilmumma'aa ka Aabba Aabbaa jennee ittiin waamnu argattan malee, deebitanii Ayyaana soda'aatii fi garbumma'aa hin arganne.


Ilmaan isaa waan taaneef, Rabbi Ayyaana, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keenna erge.


Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame sanii, hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.


Eegasuu isin hammeeyyii taatanii, ijoollee teessaniif kennaa mishaa kennuu yoo beettan, Abbaan keessan ka samii jiru worra kadhataniif, attamitti waan mishaa caalchisee hin kennine ree?


Haata'uu ammoo akkana isiniin jedha, jeennata Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin ammaa achi haga guyyaa daadhii woyini'ii dhuguutitti adha irraa jalqabee deebi'ee isin woliin hin dhugu» isaaniin jedhe.


Isin Abbaa tokkocha Sami'itti waan qabdaniif, biyya lafaa irratti eennuunillee ‹Aabbaa› jettanii hin waaminaa'a.


Hujii mishaa keessan arganii, Abbaa keessan ka samii jiru akka kabajjan, ifni keessan nama maraa afo'otti haa ifuu» jedheen.


Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa deemee, «Abbaa kiyyaan, ani Rabbii fi si afo'ottillee yakka hojjadheera.


Rabbiin nama maraa wol hin caalchifnee fi nama maraa irratti akka hujii isaatiin itti muru, yoo ka «Aabbaa» jettanii waamtan ta'e, haga adunyaa tana irra keessummumma'aan jirtan, isa sodaata'aa jiraadhaa'a


Ka hin duune isa calla'a. Ifa ennullee itti dhiyaatuu hin dandeenne keessa jiraata. Namni tokkollee isa hin argine. Isa arguullee hin danda'u. Ulfinninii fi hunni bara baraan isaaf haata'uu Amiin!


Ilmillee abbaa kiyya, ‹Ani Rabbii fi si afo'ottillee cubbuu hojjadheera. Ammaa achi ani ilma kee jedhamuun naaf hin malu› jedheen.


«Yoo isin yakka namootaaf dhiiftan, Abbaan keessan ka sami'ii cubbuu keessan isinii dhiisa.


Ati ammoo hennaa faateeffattu gara golaa ol seenii, balbala kee cufadhuu, Abbaa kee ka dhossaa jiru kadhadhu. Abbaan kee ka dhossa'aan si argu gatii kee sii kenna.


Abbaan keessan ka sami'ii akkuma guutuu ta'e, isinillee guutuu ta'aa'a.»


Ani Phaawuloos ka namootaan uduu hin taane Rabbii Abbaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin du'oota keessaa kaaseen ka ergamee fi obboleeyyan na woliin jiran maraa irraa woldaa Kiristaanaa ta galaatiya'aatiif,


Yesuusillee, amma gara Abbaa kiyyaa waan ol hin baaneef, «Na hin tuqinii! deemiitii, gara obbolleewwan kiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaa fi keessanii gara Rabbii kiyyaa fi keessanii ol baya'aara› jedhiitii isaanitti himi!» isi'iin jedhe.


Yesuus ammallee hennaa lammaffa'aaf isaan irraa siiqee, «Abbaa kiyya, mijuun rakko'oo tuni uduu hin dhunne narra lufuu ka hin danda'amne yoo ta'e, fedhiin tee haa taatu» jedhee faateffate.


Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.


Sinbirroonni didiqqoon lamaan saantibii tokkotti gurguramanii mii? Fedhii Abbaa keessanii ka samii jiruu malee, isaan keessaa tokkottiinillee lafa hin buutu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite