Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 6:2 - WAADAA LAMMATAA

2 «Eegasuu isin hennaa hiyyeeyyi'iif arjoomtan, akka worra uf tuulanii nama biratti ulfinna ittiin argatu'uuf jedhanii, mana sagadaatii fi karaa irrattillee uf mudhisu'uuf akkuma godhan, hin godhinaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii argataniiran.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 «Kanaaf hiyyeesotaa yeroo arjjoomttantti, fakkeessitoonni bakka woligayii isaaniitii fi karaa mara irratti akkuma raawwatan, muldhachu'uuf hin raawwatinaa, dhugamaan isinitti ni hima, isaan gatii isaanii durssanii fudhatanii jiran.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 «Eegasuu isin hennaa hiyyeeyyi'iif arjoomtan, akka worra uf tuulanii nama biratti ulfinna ittiin argatu'uuf jedhanii mana sagadaatii fi karaa irrattillee uf mudhisu'uuf godhan hin godhinaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii argataniiran.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 6:2
56 Referans Kwoze  

«Isin hennaa faateeffattan, akka worra fakkeessuu hin ta'inaa'a! Isaan akka worri biraa isaan arganiif, mana sagadaatii fi wolgayii karaa gugurdaa irra dhaabatanii kadhachuu jaalatan; ani dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.


Yesuus, «Hennaa soomtan akka worra fakkeessuu uf hin daalacheessinaa'a; namootaatti akka soomaniiran uf mudhisu'uuf fuula ufii guuran. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.


«Ani nama irraa ulfinna hin fudhu. Haata'uu ammoo isin jaalala Rabbii akka uf keessaa hin qabne hin beeka.


Haata'uu ammoo waan mishaa godhuu, kaawwaniillee qooduu hin irraanfatinaa'a. Ciincaan akkanaa waan Rabbiin gammachiisuuf.


«Barsiisota seera Muuse'ee irraa of eegaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naannawuu worra barbaadan, gabayaa keessattillee nagaya akka isaan gaafataniif mana sagadaatittillee barcummaa kabajja'aa urgee nyaataatittillee hulee kabajjaa waan barbaadaniif, uf eeggadhaa'a.


Ka ufirraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammoo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru.


Namni kamuu yoo dubbatu akka dubbii Rabbiititti haa dubbatuu. Ka tajaajilu, hunna Rabbi naa kenneen jedhee haa tajaajiluu. Ulfinnaa fi baalliin baraa haga bara baraatitti karaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif haa ta'u! Amiin.


Ka hate ammaa achi hin hatin; haata'uu ammoo bikka ka qara hatee, worra jalaa hanqateef waan kennuuf akka argatu harkuma ufiitiin waan mishaa hojjatu'uuf haa dadhabuu.


Isaan hiyyeeyyii calla'aaf akka yaannu nu kadhatan; kunillee ammoo waanuma ani jabaadhee godha'aa ture.


Innillee hennaa guuttatee isa laalu nayee, «Goofta'a maali'i?» jedhe. Maleekkaanillee akkana isaan jedhe, «Faateen keetii fi hiyyeeyyii gargaaruun kee Rabbiin afo'otti yaadatameera.


Jireenna dhuga'aa akka argatan bara dhufuufillee galmee bu'uura mishaa isaanii ta'u irratti wolitti qabata'aa,


ka gorsu yoo ta'e, gorsu'uun haa jabaatu; ka keennullee arjumma'aan haa keennu; ka bulchullee jabaatee haa bulchuu, ka araaramullee gamachu'uun haa araaramuu.


Woggaa hedduun maayii banii kiyyaa kenna'aa fi ciincaa godhu'uuf dhufe.


‹Qorneelewoos! faateen kee Rabbiin afo'otti sii dhagayameera, kennaan ati hiyyeeyyi'ii kennitullee sii yaadatameera.


Inni maatii ufii maraa woliin nama Rabbiin kaddaamuu fi nama Rabbiin sodaatu bani'iillee keenna hedduu kenna'aa; hennaa maraa Rabbiin faateffata'aa ture.


Iyoophe'ettillee darasaa Xabbitaa jedhamtu takkatu jira; afaan Giriikiitiin maqaan isi'ii «Dorqa'a» Dorqaa jechuun «Kuruphee» jechu'u; isiin ta waan mishaa uf keessaa qabduu fi ta kennaallee kennitu turte.


Yihuudaan waan korojoo qabatuuf, Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookiin hiyyeeyyi'iif kennaa akka kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture.


Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicharraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan?


Waan guddaa ija kee keessa jiru uduu hin argine obboleessa keetiin attamitti, ‹Obboleessa kiyya, huura ija kee keessa jiru si baasaa naa eeyyami› jechuu dandeettaa? Ati ka fakkeessitu duraan dursii waan guddaa ija kee keessa jiru baasi, achiin maayessa huura ija obboleessa kee keessa jiru baasu'uuf midhaassitee argita.


Qalbiin woyyootaa hujii keetiin waan harabaafateef, Obboleessa kiyya jaalala keetiin gammachuu gudda'aa fi jabeenna argadheera.


Ergamaa Kiristoosii taanee isinitti ulffaachuu uduu dandeennu, isin irraa ta'ee yookiin kaawwaan irraa yookaan nama irraa, ulfinna hin barbaanne.


Darasoonni marti isaanii akkuma dandeettii isaaniitiin waa wolitti baasanii obboleeyyan Yihuudaa keessa jiraataniif gargaarsa ergu'uuf murteeffatan.


Gooftaanillee deebisee, «Isin fakkeessitoota nana, isin keessaa gari gariin guyyaa Sambataatiin qotiyyoo yookiin harree urgee okaya nyaatuu hiikee bisaan obaasu'uuf ka hin finne eennu?


Isin fakkeessitoota akkaataa qilleensa lafaatii fi sami'ii laaltanii beettan. Haata'uu ammoo maali'iif hiikkaa bara kanaa himuu dadhabdani ree?»


Qabeenna keessan gurgura'aatii worra hiyyeeyyi'ii kennaa'a. Hulee hattuun itti hin dhiyaanneef bakka xiinxanaan hin balleessinetti qabeenna hin dhumanne ka sami'iititti korojoo hin moofnetti ufiif kaayadhaa'a.


Isin Fariisota mana sagadaatitti barcumma kabajja'aa, gabaya'attillee akka nagaya isin gaafatan waan jaalattaniif isin hobbaasi.


Isin garuu waan sabaree fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kennaa'a. Yoo san wonti maruu isinii qulqullaayaa.


Haata'uu ammo, «Isin worri amma dureeyyi'ii isin aanne'e; gatii keessan fudhattaniirtan.


Inni ammoo deebisee, «Bada fakkeessitoota, Isaayyaas waan keessan raagee, ‹Baniin kun afaaniin na kabajjan, garaan isaanii narraa fago'o.


Inni hojjataa san bakka lamatti baqassa, hiree isaallee worra fakkeessu woliin taasisa. Achitti booya'aa ilkaan qara» jedhe.


Lafa cidhaatitti hulee ulfinnaa, mana woyyuu Yihuudotaa keessatti barcumaa ulfinaa,


Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin fakkeessitoota maaf haga kiyya na laaltan?


Obboroo, ‹Yoo samiin duumessaayee gurraachate, adha hin rooba› jettan, bifa sami'ii laaltanii attam akka ta'e himuu hin beettan. Malkata baraa attam akka ta'e himuu hin dandeettanii?


Isin fakkeessitoota! Isaayyaas waan keessan raagee,


Ati nama fakkeessaa'a! duraan dursii utubaa ija tee keessa jiru baasi. Achiin maayessa huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, midhaassitee arguu dandeetta.


Ani dhugamaan isiniin jedha, sami'ii fi ardiin haga luftutti seera keessaa tokkottiin yookiin qabxiin tokkottiinuu horoma hin raawwatamti malee hin baddu.


Ati ammoo hennaa arjoomtu, arjummaan kee dhossa'aan akka ta'u, waan harki kee ka mirgaa hojjatu harki kee ka bita'aa hin beekin! Abbaan kee ka waan dhossa'aan godhame argu jasaa kee ifaan sii deebisa.


Namatti uf mudhisu'uuf jedhanii hujii isaanii maraa hojjatan. Qudhaama jechoonni barreeffama Woyyuu keessa jiru, ka addaa fi irree ufii irratti hidhatan babadhisanii qudhaamatan; handaara uffata uffatanii faateffatanillee hin dheereffatan.


Hiyyeeyyii nyaachiisu'uuf, waan qabu maraa yoo qoode, foon kiyyallee yoo ibiddaaf kenne, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, womaa hin fayyadu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite