Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 5:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Worri gad uf qabu worra eebbifame; waan biyya lafaa dhaalaniif.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 Gara laafeyyiin arddii waan dhaalaniif, isaa ka eebbifaman.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Worri gad uf qabu worra eebbifame; waan biyya lafaa dhaalaniif.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 5:5
30 Referans Kwoze  

Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennuu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu.


Amantaa gara-laafumma'aa fi uf qabuu seerri waan akkanaa kanniin dhooggu hin jiru.


Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baayi'ee uf keessaa balleessa'aatii ka keessa keessaniitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u, dubbii Rabbii fayyaalumma'aan fudhadhaa'a.


Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalatamanillee taatanii, araara, gara-laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a.


Qanbaraa kiyya baadhaa'a. Narraallee baradhaa'a. Ani gara laafeessaa fi Kasoo waan ta'eef, lubbuu teessaniin harabaafata argatanii.


Kasoo Ta'u'uun gara laafumma'aan, Obsa maraan, jaalalaan wolii obsaa'a.


Haata'uu ammoo Gooftaa keessan Kiristoosiin onnee keessan keessatti woyyoomsaa'a. Waan abdii keessanii worra isin gaafatu maraafuu deebii kennu'uuf hennaa maraa qophaayaa'a. Haata'uu ammoo gara-laafumma'aa fi soda'aan haata'uu.


Ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara-laafeeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis.


Haata'uu ammo Rabbiin afo'otti ka gatii guddaa qabu Ayyaana gara-laafessaa fi lashii qabu ka hennaa maraa hin banne sun, namummaa keessan ka keessaa haata'uu.


Ati ammoo namni Rabbii kana irraa dheessi, qajeellumma'aan, Rabbiin sodaachu'uun, amantaa, jaalala, jajabaachu'uu fi gara laafummaallee hordofi.


Akkasuma maallaataa Rabbi akka dhugaa beekanii fi akka aagii galan isaan taasisa, fedha daabiloosii raawwatu'uuf siiboo isaa jalaa bayanii gara qalbii isaanii hin deebi'an jedha'aa worra isa morman gara laafumma'aan isaan haa adabu.


Inni ka ardii tana dhaalu akka ta'u Abrahamii fi fiixaa isaatii dubbii abdi'ii ka kenname qajeellummaa amanta'aatti malee, seeraanii miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite