Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 5:3 - WAADAA LAMMATAA

3 «Worri Ayyaanaan hiyyeeyyii ta'an, worra eebbifame, Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 «Mootummaan Sami'ii ta isaanii waan taateef, jireenna isaanii ka hafuuraatiin hiyyeeyyii ta'uun isaanii worri itti dhagayamu, ka eebbifaman.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 «Worri Ayyaanaan hiyyeeyyii ta'an, worra eebbifame, Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 5:3
55 Referans Kwoze  

Ani akkana isiniin jedha. Namicha fariisicha san irra namichi qaraxa guuru sun Rabbiin afo'otti qajeelaa ta'ee gara mana ufii deebi'e, namni ol uf qabu maruu hin salphata. Namni uf salphisu ammoo hin kabajjama.


Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a, Rabbi akka amanta'aan dureeyyii ta'aniif, akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeessota adunyaa tanaa filateeraa mii?


Inni deebisee, «Worra dubbii Rabbii dhagayee ajajamu caalaa ka eebbifame!» jedhe.


Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti waan mudhifteef si galateeffadha.


«Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammachu'uu akka himuuf na muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ballaa akka argan haa godhuuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf,


Yesuus ammoo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef, ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhoogginaa'a gad dhiisaa!


Ijji teessan ammoo waan argituuf, gurri keessanillee waan dhagayuuf isin worra badhaadhe.


Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata.


Yesuusillee, «Ati waan na argiteef amanteerta; worri uduu hin argine amanan isaan worra eebbifame!» jedheen.


Hojjataan gooftaan isaa hennaa deebi'u uduu hojjatu arguun sun ka eebbifame.


Dureessi yoo gadi uf qabe, haa boonuu. Qabeennillee akka daraaraa margaa waan lufuuf.


Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.


Innillee, « ‹Worri hurbaataa cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe.


Worra mirga isaa jiraniin, mootichi akkana jedhaan, isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa koottaa'a; Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a.


Hiyyeeyyi'iifillee Oduun Nagayaa hin lallabama. Namni waan kiyya hin mamne maruu ka eebbifame.


Ani akkana isiniin jedha, namoonni hedduu isaanii baya biiftu'uutii fi dhiya biftu'uutii dhufanii, jeennata sami'ii keessatti Abirahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiin woliin taa'an;


Yesuus ammoo, «Jeennanni sami'ii ka worra akkasii waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhufanii hin dhoogginaa'a» jedhe.


Akkuma abbaan kiyya na muude Anillee ammoo mootummaa kiyya keessatti hurbaata kiyya nyaataa dhugaa gosa Isiraa'elii kudha lamaan irratti akka murteessitan teessoo mootummaa irra akka teettan isin muudeera.»


‹Ani qabaata'a, dureessallee ta'eera, womaa na hin barbaachisu waan jettuuf hiyyeessa deegaa, hiyyessa balla'aa fi ka qullaa hafte ta'uu kee waan hin beenneef.›


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite