Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 5:18 - WAADAA LAMMATAA

18 Ani dhugamaan isiniin jedha, sami'ii fi ardiin haga luftutti seera keessaa tokkottiin yookiin qabxiin tokkottiinuu horoma hin raawwatamti malee hin baddu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

18 Dhugaa isiniin jedha, sami'ii fi arddiin haga dabrrantti seerri marrinuu ni raawwatama malee, seera keessaa taraarriin takka yookiin tuqaan takkattiin hin diigamttu.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

18 Ani dhugamaan isiniin jedha, sami'ii fi ardiin haga luftutti seera keessaa tokkottiin yookaan qabxiin tokkottiinuu horoma hin diiggamtu hin raawwatamti malee.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 5:18
82 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo seera irraa qabxiin tokkittiin gatamuu irra, sami'ii fi ardiin badu'utu salpha'a.


Dubbiin Goofta'aa ammoo bara baraan jiraata. Dubbiin Oduu Nagayaa ka isinitti himamellee kana.»


Ani dhuga'aan isiniin jedha; wonti kun maruu haga ta'uuf, dhaloonni amma jiru kun hin lufu.


Teessoo gudda'aa fi adii ka isa irra taa'eerullee hin arge; Ardi'ii fi samiinillee isa afo'oo dheessan. Huleen isaanii hin argamne.


Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf.


Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Sababaa amantaan keessan diqqaateef malee, ani dhugamaan isiniin jedhaa, amantii diqqoo haga gumaa sanaafici'ii uduu qabaattanii, gaara kanaan, ‹Asii ka'ii achi deemi!› yoo jettan, innillee hin deema; Wonti isiniif hin danda'amne hin jiru.


Ani dhugamaan isiniin jedha, worra as dhaabatan kanniin keessaa, namoonni gariin hennaa Ilmi Namaa jeennata ufiitiin dhufu worri hin duune hin jiran» jedhe.


Ani dhugamaan isiniin jedha, raattonninii fi qajeellonni hedduu ka isin argitan argu'uuf hawwanii, ammoo hin argine, waan isin dhageettan dhagayu'uuf hawwanii, ammoo hin dhageenne.


Qachaa tokko keessatti yoo isin rakkisan, gara qachaa biraatitti dheessaa'a. Dhugamaan isiniin jedha, haga Ilmi Namaa dhufuuf qachoota Israa'eelii keessa deemtaniituu hin fixxan.


«Eegasuu isin hennaa hiyyeeyyi'iif arjoomtan, akka worra uf tuulanii nama biratti ulfinna ittiin argatu'uuf jedhanii, mana sagadaatii fi karaa irrattillee uf mudhisu'uuf akkuma godhan, hin godhinaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii argataniiran.


«Ani dhugamaan siin jedha, waan sitti murame keessaa saantimiin cabduunillee uduu hin hafin haga kaffaltutti sirimaa hin baatu» jedhe.


«Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha: hennaa nama dargaggeessa turte, mudhii kee ufumaan hidhattee hulee feete deemta. Haata'uu ammoo hennaa jaartee harka kee ol qabattee, namni biraa mudhii kee si hidhee gara ati hin barbaanne si fida» jedheen.


«Guyyaa san, ana irraa waan tokko hin kadhattan, dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha Aabba waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa isinii kenna.


Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, isin hin boottan mararoo baafattan, biyyi lafaa ammoo hin gammada. Isin hin gadditan. Haata'uu ammoo gaddi keessan gara gammachu'uu jijjiirama.


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amanu hujii ani hojjadhu hojjata; ka san caalu hojjata.


Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Lubbuu tee naaf kennitaa? Dhugama dhuga'aatiin siin jedha uduu lukkuun hin iyyin hennaa sadi na ganta» jedheen.


Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha garbichi Gooftaa isaa hin caalu ergamaanillee ka isa erge hin caalu.


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, gumaan qamadi'ii lafa buutee lafa keessatti yoo hin duune hojjatti hafti. Yoo duute ammoo, daraaraa hedduu godhatti.


Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ani balbala hoolotaa ti.


«Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka gooruu hoolotaa balbalaan hin seenne, ka karra biraatiin bayu ammoo inni hattu'uu fi saamtu'u.


Yesuusillee, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, uduu Abrahaam hin dhalatiin, ani hin jira» isaaniin jedhe.


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa du'a hin argu.


Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha; ka cubbuu hojjatu maruu garbicha cubbu'uuti.


Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, foon Ilma Rabbii yoo nyaattaniif, dhiiga isaallee yoo dhuguu dhabaattan, ufitti jireenna bara baraa hin qabdan.


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amane jireenna bara baraa qaba.


Yesuusillee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha! xoroshoo dhuga'aa samii irraa ka isinii kennu Abbaa kiyya malee, Muuse'ee miti.


Yesuus deebisee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, wonti na barbaaddaniif waan buddeena nyaattanii quuftaniif malee, maalalee waan argitaniifii miti.


Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha, nu waan beennu dubbanna. Waan arginellee ragaa baana. Isin garuu ragaa keenna hin fudhattan.


Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u.


Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.


Yesuusillee deebisee, «Hennaa ati muka Hurbu'uu jala jirtu si arge waan siin jedheef amantee? waan kana caalu argita jedheen.


Yesuus deebisee, «Dhugamaan siin jedha, adha na woliin jeennata galta» jedheen.


Innillee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, namni waan jeennata Rabbiitiif jedhee, mana ufii, maatii ufii, obboleeyyan ufii, haadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ufii ka dhiise,


Ani dhugamaan isiniin jedha, eennullee jeennata Rabbii akka daa'imaatitti ka hin fudhanne, sirimaa hin galu» jedhe.


Amma manni keessan ona ta'ee hafa. ‹Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame› haga jettanitti ammaa achi na hin argitan» jedhe.


Garboonni gooftaan isaanii hennaa dhufu uduu hojjatan ka arguun, isaan worra eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, marxifatee isaan teessisee ufii dhaabatee isaan nyaachise.


Kana jechuun, dhiiga Abeelii irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ka hulee ciinca'aatii fi mana woyyuu wodhakka'atti ajjeefame saniifillee hin gaafataman. Ee Ani isiniin jedha, dhaloonni kun maruu hin gaafatama.


Yesuus Pheexroosiin, «Ani dhugamaan siin jedha; halkanuma kana uduu lukkuun hennaa lamaan hin iyyine ati hennaa sadihii na ganta» jedheen.


Ani dhugamaan isiniin jedha, haga ani guyyaa san jeennata Rabbii keessatti bifa haarawaan isa irraa dhugutti daraaraa woyini'ii kana irraa deebi'ee hin dhugu» isaaniin jedhe.


Uduu isaan taa'anii nyaata'aaran Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha; isin keessaa tokko inni na woliin nyaata'aaru dabarsee na kenna» jedhe.


Ani dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa irratti hulee Oduun Nagayaa kun itti lallabamu maratti, wonti isiin goote akka isiin qaabatamtuuf himama.»


Yesuus darasoota ufii waamee, «Ani dhugamaan isinitti himaa! Haati hiyyeessaa takka worra biraa caalaa mi'a kennaa itti guuran keessa buufte.


Dhugaa isiniin jedha; eennullee garaa ufii keessatti uduu hin mamin amanti'iin, gaara kanaan, ‹Asii buqqa'ii, gara galaanaa darbami› yoo jedhe hin ta'aaf.


Yesuus ammoo deebisee, «Dhugamaan isiniin jedha; eennullee waan kiyyaa fi waan Oduu Nagayaatiif mana, obboleeyyan, intallan haadhaa, haadha, abbaa, haadha manaa, ijoolle'ee fi qonna ufii dhiise,


Ani dhugamaan isiniin jedha; eennullee jeennata Rabbii akka ijoolle'eetitti ka hin fudhanne, horomaa itti hin galu» isaaniin jedhe.


Ani dhugamaan isiniin jedha, ka Kiristoosii waan taataniif, maqaa kiyyaan bisaan xuwwee tokkottii ka isin obaasu gatii qaba» jedhe.


Yesuus deebi'ee, «Dhugamaan isiniin jedha; namoota as dhaabatan kanniin keessaa, jeennanni Rabbii hunnaan hennaa dhuftu uduu hin du'in worri argan hin jiran» jedhe.


Inni hafuura guddaa baafatee, «Dhaloonni kun maaf malkata barbaadan? Dhuga'aan isiniin jedha, dhaloota kanaaf malkanni hin kennamuuf» jedhe.


Bakka isin hin simannee fi hin dhageeffanne maratti achii yoo baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a; dhugamaan isiniin jedha guyyaa gaafa murti'ii qachatti tana caalaa biyya Soodomiitii fi Gamoora'aa hin salphata.» isaaniin jedhe.


«Ani dhuga'aan isiniin jedha, cubbuun marti, nama arrabsuunillee dhiifamsa qaba.


Hennaa san mootiin deebisee, ‹Ani dhugamaan isiniin jedhaa, worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof waan hin gooneef, naafillee ammo womaa hin goone› jedhee isaanii deebise.


Mootichillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, obboleeyyan tiyya worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof ka gootan, akka waan naaf gootanii ti!» isaaniin jedhe.


Inni ammo deebisee, ‹Ani dhugaa isiniin jedha, ani isin hin beeku› jedhe.


Ani dhugamaan isinitti hima, gooftaan isaa qabeenna ufii maraa irratti isa muuda.


Achiin maayessa inni, «Isin waan kana maraa hin argitanii mii? isaaniin jedhe, Ani dhugaa isinitti hima, dhakaan tokkochi wol irratti hin hafu; martinuu hin diiggama» isaaniin jedhe.


Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti kun maruu dhaloota bara kanaa irratti hin ta'a» jedhe.


Isaan lamaan kanniin keessaa kamtu waan abbaan barbaade hojjate?» jedheen. Isaan, «Hangafticha» jedhan. Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha. Worri qaraxa guuruu fi seebartoonni jeennata Rabbii galu'uun isin firrisan» isaaniin jedhe.


Yesuusillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, isin yoo amantaa qabaattani, mamuu yoo baattan, waan muka hurbu'uu irratti ta'e qofa hin gootan; isin gaara kanaanillee, ‹Asii buqqa'ii gara galaanaatitti darbam› yoo jettan, hin ta'a.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti, Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra hennaa taa'u, isinillee ammoo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan.


Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani dhugamaan isiniin jedha, dureeyyiin jeennata sami'iititti galuun guddisee rakkisa'a.


«Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti isin lafarratti hiitan maruu, sami'ittillee ka hidhame ta'a. Wonti isin lafarratti hiittan maruu sami'ittillee hin hiikkama.


«Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii akka daa'ima kanaa yoo hin taane, gara jeennata sami'ii horoma hin galtan.


Dhugamaan isiniin jedha, worra dubartoota irraa dhalatan keessaa ka Yohaannis cuuphaa caalu hin argamne. Jeennata sami'ii keessatti ka maraa irraa gadiititu isa caala.


Eennullee worra gad-aanaa kanniin keessaa, waan inni darasaa kiyya ta'eef, bisaan qabbanaayaa xuwwee tokkottii obaasu, dhugamaan isiniin jedha gatii ufii argata.


Ani dhugamaan isiniin jedha, guyyaa murti'ii san qachaa san irra biyya Soodoomii fi Goomoora'aatii hin salphata» jedhe.


Yesuus hennaa waan kana dhagaye maalalee worra isa hordofuun, «Ani isinitti himaa, Isiraa'eliin keessatti amantaa guddaa akkanaa nama qabu tokkochallee hin argine.


Yesuus, «Hennaa soomtan akka worra fakkeessuu uf hin daalacheessinaa'a; namootaatti akka soomaniiran uf mudhisu'uuf fuula ufii guuran. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.


Lammaffaallee, «Ani dhugamaan isinitti hima, raattichi kamuu biyya ufiititti fudhatama hin qabu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite