Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 5:15 - WAADAA LAMMATAA

15 Namoonni ifaa ibsanii, akka nama mana keessa jiru maraaf ifutti, waan ifaan irra kaayamu irra kaayan malee, gonbisoo jala hin kaayan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Namoonni ibisaa ibssanii mana keessa worra jiran maraaf akka ifuuf, bakka ol fugaatu irra ni kaayan malee, ginboolaa jala hin kaayan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Namoonni ifaa ibsanii akka nama mana keessa jiru maraaf ifutti waan ifaan irra kaayamu irra kaayan malee gonbisoo jala hin kaayan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 5:15
10 Referans Kwoze  

Yesuus akkana isaaniin jedhe: «Ibsaa fidanii gombisaa yookiin siree jala hin kaayanii ree? Kololee irra kaayanii mii?


Ifaa ibsanii gombisaa jala hin kaayan. Hulee nama mana keessa jiru maraaf ifu baattuu ibsa'aa irra kaayan malee.


Namni kamuu ifaa ibsee ka waa itti gombisu yookiin siree jala ka kaayu hin jiru. Worri diidaa ol seenan akka ifa argan kololee rogatti mudhisu gubbaa kaayan.


Eegasuu nafti kee maruu ifaan guuttamee huleen takkallee yoo hin dukkanoofne akka waan ifaan tokko ifa ufii sii ibsa'aaruutitti nafti kee maruu ifaa ta'a.


Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhatan.


Duukkaanaan duraa ta qophoofte, «Isii woyyittii» jedhamtu keessa waan ibsaa irra kaayan, xarapheessa'aa fi xoroshoo ciinca'aatitu irra jira.


Eeganaa maal irraa akka kufte yaadadhu. Aagiillee gali hujii kee ka duraa san hojjadhu. Yoo cubbuu irraa deebi'uu baatte sitti dhufee baattuu ibsa'aa kee hule'ee fuudha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite