Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 5:11 - WAADAA LAMMATAA

11 «Anaaf jedhanii yoo namoonni isin arrabsan, yoo isin ari'an, yoo dharaan maqaa isin balleessan isin worra eebbifame.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 «Sababa kiyyaan namoonni yoo isin arrabssanii fi yoo isin ari'an, sobaan'llee maqaa keessan yoo balleessan gammadaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 «Anaaf jedhanii yoo namoonni isin arrabsan, yoo isin ari'an, yoo sobaan waan hamaa maraa isin irratti odeessan, isin worra eebbifame.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 5:11
32 Referans Kwoze  

Maqaa Kiristoosiitiin yoo tuffatamtan, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Rabbii waan isin irratti harabaafatuuf isin worra eebbifame.


Bakka marattu maqaa kiyyaaf worra jibbamu taatan.


Anaaf jettanii nama maraa biratti ka jibbamtan taatan. Haga dhumaa ka jabaatu ammoo hin fayya» isaaniin jedhe.


«Achiin maayessa isaan akka rakkattanii fi akka ajjeefamtan dabarsanii isin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif jettanii gosa maraan worra jibbame taatan.


Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi maqaa hamaa yoo isinitti baasan, isin worra eebbifame!


Hennaa isa arrabsanillee deebi'ee hin arrabsine, hennaa isa rakkisanillee inni namatti hin baananne. Waaqa qajeellumma'aan murtii kennutti dabarsee uf kenne malee.


Haata'uu ammoo isaan ka na erge waan hin beenneef, kana maraa maqaa kiyyaaf jedhanii isin irratti godhan.


Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya.


Namni lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, naaf jedhee lubbuu ufii ka balleeffatu ammoo hin argata.»


Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta.


Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin Abbaa yookiin haadha yookiin Ijoollee yookiin qonna ufii dhiise maruu, dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala.


Jireenni Yesuusii ammoo nafa keenna ka du'u irratti akka mudhatuuf, nu worri jiraatoota taane, sababaa Yesuusiitiin hennaa maraa du'aaf dabarfamnee waan kennamneef.


Nu Kiristoosiif jennee gowwoota, isin ammoo Kiristoosiin worra qalbii qabu, nu dadhaboota, isin ammoo jajjaboota, isin worra kabajjame, nu ammoo worra salphate.


Akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Waan keetiif guyyaa maraa hin ajjeefamna; akka hoolota qalamaniititti laakkawamne»


Kana maraan duratti isin qaban, isin ari'an, waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti isin dabarsan afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan.


Namni lubbuu ufii fayyisuu fedhu maruu hin balleeffata. Namni naaf jedhee lubbuu ufii kennu maruu hin hanbifata.


Namni lubbuu ufii hambifachuu barbaadu maruu hin balleeffata; waan kiyyaa fi waan Oduu Nagayaatiif lubbuu ufii ka balleeffatu maruu ammoo hin oolfata.


Barataan akka barsiisa'aa, hojjataanillee akka hojjachiisaa ufii haa ta'uu. Eega abbaa manaatiin Bi'elizebul jedhan, maatii isaatiin ammoo attamitti kana caalaa hin jenneeniree!


Akka inni maqaa kiyya baadhatu'uuf jedhee rakkatu aninuu isatti mudhisa» jedheen.


«Isin uf eeggadhaa'a, isaan yaa'ii gara garaatitti dabarsanii isin kennan, mana sagada Yihuudotaa keessattillee hin tumamtan, naaf jettanii bulchootaa fi mootota afoo hin dhaabattan; kunillee ragaa isaanitti ta'a.


Worri isa bira lufanillee mataa ufii sochoosa'aa arrabsa'aanii turan.


Isaan ammoo hidda gad fagaatu waan hin qabneef, hennaa diqqo'oof dhaabatan; maayii sababa dubbii Rabbiitiif rakkinninii fi miidhaan yoo dhufe yoosuu gufatan.


Sababaa kiyyaaf isinitti murteessu'uuf jedhanii, gara bulchootaa fi moototaa isin dhiyeessan, isaaniif worra Yihuudota hin taane afo'otti worra ragaa naa bayu taatan.


Isaan ammoo isa arrabsaniiniiti, «Situ darasaa isaa ti, nu ammoo darasoota Muuse'ee ti.


Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane, waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite