Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 5:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Worri qajeellumma'aaf ari'aman worra eebbifame; Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Waayee qulqullaayomaatiif worri ari'aman, Mootummaan Sami'ii ta isaanii waan taateef, ka eebbifaman.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Worri qajeellumma'aaf ari'aman worra eebbifame; Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 5:10
30 Referans Kwoze  

Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata.


Waan hin mudhanne malee waan mudhatu yoo laaluu baanne rakkoon keenna salpha'a; hennaa heddu ulfinna bara baraa maraa caalaa waan nuu godhamuuf. Wonti mudhatu haguma henna'aati. Wonti hin mudhanne ammoo ka bara baraati.


«Worri Ayyaanaan hiyyeeyyii ta'an, worra eebbifame, Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!


Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi maqaa hamaa yoo isinitti baasan, isin worra eebbifame!


Yoo obsinee jabaanee dhaabanne, akkasuma isa woliin moona. Yoo isa waakkanne, akkasuma, innillee nu waakkata.


Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammoo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e.


Kana maraan duratti isin qaban, isin ari'an, waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti isin dabarsan afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan.


Garbichi Gooftaa hin caalu jedhee dubbii isinitti hime qaabadhaa'a, yoo na ari'anii jiraatan, isinillee akkasuma hin ari'an; dubbii kiyya yoo eeganii jiraatan, dubbii keessanillee akkasuma eegan.


Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.


Yaada, amantaa, obsa, jaalala, jabaachuu, baqachuu, rakkinna kiyya faanaallee deemteerta. Antsookiyaa, Iqiniyoonii fi Lisxiira'atti waan narra gayee obseef waan baqa kiyyallee hin beetta. Gooftaan waa mara jalaa na hambise.


Worra mirga isaa jiraniin, mootichi akkana jedhaan, isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa koottaa'a; Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a.


lafuma tanatti manniin, obboleeyyan, intallan haadhaa, haawwota, ijoolle'ee fi qonna dachaa dhibba hin argata, adunyaa dhuftu keessattillee gara jireenna bara baraa hin gala.


Innillee gara darasoota ufii laalee, akkana isaaniin jedhe, «Jeennanni sami'ii teessan waan taateef, Isin hiyyeeyyiin worra eebbiffame!


Qachaa tokko keessatti yoo isin rakkisan, gara qachaa biraatitti dheessaa'a. Dhugamaan isiniin jedha, haga Ilmi Namaa dhufuuf qachoota Israa'eelii keessa deemtaniituu hin fixxan.


Ta akka hammeennaan Qaayel obboleessa ufii ajjeeseetii miti. Maaf ajjeese? waan hujiin isaa hamaa ta'eef, ka obboleessa isaa ammoo waan qajeelaa ta'eef.


Guyyaa san woldaa Kiristaanaa ta Yeruusaalem jirtutti baqa gudda'atu ta'e. Eergamtoota malee maruu gara Yihuuda'aatii fi gara biyya Samaariya'aa faca'an.


Isaan gorsa isaa dhagayanii ergamootallee ufitti waamanii isaan tuman, maqaa Yesuusiitiinillee akka hin dubbanne seeranii gad isaan dhiisan.


Yesuus ammoo, «Jeennanni sami'ii ka worra akkasii waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhufanii hin dhoogginaa'a» jedhe.


Yesuus ammoo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef, ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhoogginaa'a gad dhiisaa!


Akkuma abbaan kiyya na muude Anillee ammoo mootummaa kiyya keessatti hurbaata kiyya nyaataa dhugaa gosa Isiraa'elii kudha lamaan irratti akka murteessitan teessoo mootummaa irra akka teettan isin muudeera.»


Worra obsaan dhaabatan eebbifamtoota isaaniin jenna. Iyoobillee obsee akka Gooftaan raawwateef dhageettanii argitaniirtan; sababnillee waan Gooftaan araarama'aa fi garalaafessa ta'eef.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite