Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 4:17 - WAADAA LAMMATAA

17 Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf, cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalaqabe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

17 Yeroo sanii jalaqabee Yesus, «Mootummaan Sami'ii dhiyaatee jirttiitii, gara Waaqaa deebi'aa!» jedha'aa, lallabuu jala ni qabe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

17 Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalqabe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 4:17
26 Referans Kwoze  

Pheexroosillee akkana jedhe, «Agii galaa'a; cubbuunillee akka isiniif dhiifamtu, marti keessanuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa'a. Kennaa Ayyaana Woyyu'uullee hin fudhattanii.


Ani ka dhufeef cubbamoota gara dhiifamaa waamuuf malee, qajeellota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe.


Maqaa isaatiin cubbuu irraa deebi'uu fi araarri cubbuu Yeruusaaleemiin irraa jalqabee gumii maraa irratti hin lallabama jedhamee barreeffameera.


Eeganaa Rabbi ji'oota wollaalaan dabarse amma bakka marattuu aagii akka galan nama maraa ajaja.


Haata'uu ammoo dhaqa'aatii barreeffama araaraa barbaadaa malee, ciinca'aa miti dubbii jedhu hiikkaan maal akka ta'e baradhaa'a. Ani Cubbamoota gara araaraa waamu'uuf dhufe malee, qajeellota waamu'uufii miti» isaaniin jedhe.


Haata'uu ammoo duraan dursee worra Damaasqoo jiran, Yeruusaalemittillee biyya Yihuudotaa maratti, worri Yihuudii hin taanellee akka aagii galaniif akka waan aagii galuun isaan barbaachisu irraa aagii galanii gara Rabbii deebi'aniif dubbadhe.


Ani akkana isiniin jedha, akkasuma Woyyoota araarri isaan hin barbaachifne sagaltamii sagal irra cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti hin gammadan.»


Eeganaa Gooftaa biraa guyyaan jajjabeennaa akka isinii dhuftuuf, waan dura isinii file Kiristoos Yesuusiin akka isinii ergu akka cubbuun keessanillee isinii haqamu, aagii galaa'a deebi'aa'a.


Akkasuma cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti maleekkonni Rabbii hin gammadan.»


Kanaaf waan Kiristoosii ka dura namoonni barsiisan dhiifnee, gara bilchinnaa haa deemnuu; bu'uura deebifnee hin bu'uursinu. Sunillee hujii gara du'aa nama geessu irraa aagii galuu, Rabbitti amanu'uun, waan cuuphamu'uu, waan harka nama irra kaayu'uu, waan worra du'oota keessaa ka'aniitii fi waan barumsa murtii bara baraa ti.


Isaan hennaa kana dhagayan cadhisaniiti, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galateeffatan.


Yesuus itti aansee, «Hennaa san jeennanni sami'ii durba kudhanii ta ibsaa isaanii qabatanii idaayyaa reebbatu'uuf bayan fakkaatti.


«Ammallee, jeennanni sami'ii siiboo gara galaanaa darbamtee, qurxummii adda addaa wolitti qabdu fakkaatti.


Akkuma dhaxxaniin, jeennanni sami'ii dhiyaatteerti jedha'aa lallabaa'a.


Jeennata Rabbii akka lallabaniif dhukkubsattoota akka fayyisan akkana jedhee isaan erge.


Bara Yohaannisii cuuphaa irraa jalqabee, haga ammaa jeennanni sami'ii hunnaan dhiibama'aarti; worri itti galu'uuf jabaatanii tattaafatan hin argatan.


Yesuus mammaaka biraallee isaanitti mammaake, «Jeennanni Rabbii nama qonna isaa keessatti sanyii mishaa facaaseen wol fakkaatti.


Namni Gurra dhagayu qabu haa dhagayuu» jedhe.


Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammoo hin kennamne.


Jeennanni tee haa dhuftu; fedhiin tee akkuma samii irratti taate, akkasuma lafarrattillee haa taatu.


Yesuus hennaa tajaajila jalqabu umuriin isaa woggaa soddoma ture. Baniin Yesuusiin ilma Yooseefii seya; Yooseefiin kun ilma Eeli'ii ti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite