Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 28:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Inni as hin jiru, akkuma dubbate ka'eera. Hulee reeffa isaa kaayan kootta'aa laalaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 inni as hin jiru, akkuma durssee dubbatametti ka'ee jira. Asi hin jiru, bakka itti awwaalamee ture koota'aatii laalaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Inni as hin jiru akkuma dubbate ka'eera; Hulee reeffa isaa kaayan kootta'aa laalaa'a.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 28:6
17 Referans Kwoze  

Inni ammoo, «Hin nayinaa'a; Yesuusii Naazireetii ka fannifame soqa'aartanii? Inni ka'eera arma hin jiru; kunoo huleen isa kaayan.


Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura.


Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani gara Yeruusaaleemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha, hin ajjeefama; guyyaa sadaffa'aatitti ammoo hin ka'a» jedhee darasoota ufiititti himuu jalqabe.


Haga reeffa isaa achii dhaban dhufanii, hennaa maleekkonni, ‹Inni jiraata'a› jedhanii dubbatan mudhataan argine jedhan.


Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfannaa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe.


«Gooftaa'a, dogoggorsaan sun uduu lubbu'uun jiru, ‹Guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a› akka jedhe qaabanne.


Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammoo guyyaa sadihitti deebisee ijaara» isaaniin jedhe.


Achiin maayii Yesuus, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddisee rakkata. Inni hin jibbama, hin ajjeefama; guyyaa sadihiin maayii hin ka'a» jedhee isaan barsiisuu jalqabe.


Ani lubbuu tiyyallee akkasuma deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf Aabba na jaalata.


Pheexroos ammoo ka'ee gara awwaalaa fiige. Achi gayee gadi jedhee yoo laalu uffata fuuttaa irraa hojjatame qofa arge. Waan ta'e kana maalala'aa gara mana ufii deebi'e.


Achiin maayessa isaan itti baldan, hin dhaanan, akka isa fannisaniif worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Guyyaa saddaffa'aatitti du'aa hin ka'a.» isaaniin jedhe.


isaanillee isa ajjeesan, guyyaa Sadaffa'aa du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Isaanillee guddisanii gaddan.


Hennaa gaaraa gadi bu'an «Yesuus, Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan kana eennuttillee hin himinaa» jedhee isaan seere.


Rabbi ammoo hunna du'aa balleessee isa kaase; duuti isa qabuu waan hin dandeenneef.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite