Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 27:54 - WAADAA LAMMATAA

54 Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan, raafamaaf sochii ta'e arganiiti, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

54 Ajajaan dhibbaatii fi isaan woliin Yesusiin ni eegan worri turan, sochii arddi'iitii fi waan ta'e maraa yeroo arganitti haalaan sodaatanii, «Dhugamaanuu kun Ilma Waaqaa ture!» jedhan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

54 Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan raafamaa fi sochii ta'e arganii, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 27:54
22 Referans Kwoze  

Ajajaan loltuu dhibbaa ka fannoo Yesuusii afoo dhaabateeru akkanatti iyyee lubbuu ufii dabarsee akka inni kenne hennaa arge, «Namni kun dhugamaan Ilma Rabbii ture» jedhe.


Achuma taa'anii eega'aa turan.


Rabbitti amanateera, ‹Ani Ilma Rabbiiti› waan ufiin jedheeruuf, yoo jaalateen mee amma Isa haa oolchuu» jedhan.


Ajajaan loltuu dhibbaa ammoo Phaawuloosiin hambisuu yaadee marii isaanii dhoogge. Worri daakkaa beekan ammoo markaba irraa gad uf dhiisa'aa, dursanii gara lafaa akka bayan,


Gara Ixaaliya'aa markaabaan akka deemnu haga murtaaye, Phaawuloosii fi worri hidhaa keessaa ka biraallee kutaa worraana Agusxoosii keessatti ajajaa loltuu dhibbaa Yuuliwoos ka jedhamutti dabarsanii isaan kennan.


Ajajoota loltuu dhibbaa keessaa lamaan waamee, gara Qisaariya'aa akka deeman loltuu dhibba lamaa, worra faradoo torbatamaa fi loltuu dhibba lamaa worra eboo lolaa qaban, «Halkan keessa sa'aatii sadihiititti qopheessaa'a» isaaniin jedhe.


Innillee hennama san loltoota ajajaa dhibaa woliin qabatee fiiga'aa gara isaanii dhaqe, isaanillee hennaa ajajaa loltoota kumaa argan, Phaawuloosiin tumuu dhiisan.


Yesuus hennaa qachaa Qifirnaahomii seene, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhiyaatee, akkana jedhee isa kadhate.


Achiin maayessa ataabtichii gara isaa dhufee, «Ati Ilma Rabbii yoo taate, dhagaa kana xoroshoo akka ta'u ajaji» jedhe.


Sa'aatii san lafti guddiftee sochoote. Qachattiin kudhan keessaa harki tokko hin kufte. Sochii saniin namoonni kuma torbaa dhuman. Worri hafellee sodaatee Waaqa sami'itii ulfinna kennan.


Phaawuloosillee ajajaa loltuu dhibbaa keessa tokko waamee, «Mucaa kana gara ajajaa loltuu kumaa geessi waan isatti himu qaba» jedheen.


Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko biyya Qisaariya'aa keessa jiraata'aa ture. Inni kun kutaa woraanaa worra Rooma'aa ka Ixaalqaa jedhamee waamamuuf ajajaa loltuu dhibbaa ti.


Hennaa kana dhagayan garaan isaanii tuqamee Pheexroosii fi ergamoota kaawwaniinillee, «Obboleeyyan tiyya! maal haa goonuu?» isaaniin jedhan.


Yihuudonnillee deebisanii, «Nu seera qabna; akka seera keennaatitti du'uu barbaachisa. Ilma Rabbii waan uf godheef» isaan jedhan.


Isaan martinuu, eegasuu, «Ati Ilma Rabbii tii?» jedhaniin. Innillee, «Akka ani isa ta'e isinuu jedha'aattan» jedhe.


«Ati ka mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti ijaartu, mee uf fayyisi. Ilma Rabbii yoo taate mee fannoo irraa gadi bu'i.» jedhaniin.


Yesuus ammoo hin cadhise, Achiin maayessa bulchaan gadootaallee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin si wogee, ati Kiristoosii Ilma Rabbii yoo taate nutti himi» jedheen.


Golgi mana woyyuu olii haga gadii bakka lammatti biinxame Lafti hin sochoote, Dhagaanillee hin babbaqaqe;


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite