Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 27:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Yesuusiin hidhanii gara bulchaa Philaaxoos Pheenxanichaatitti dabarsanii kennan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Kanaan duubatti Yesusiin hidhanii fudhataniinti, bulichaa ka ta'e Philaaxosiif, dabarssanii ni kennaniin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Yesuusiin hidhanii gara bulchaa Philaaxoos Pheenxenichaatitti dabarsanii kennan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 27:2
25 Referans Kwoze  

Waandhi Abrahaamii, Yisihaaqii, Yaaqoobiitii fi Waandhi abbootii keennaa ka isin dabarsitanii kennitanii fi ka Philaaxoos uduu hiiku'uuf kutateeru ka isin gantan san Ilma ufii Yesuusiin kabajjeera.


Achiin maayessa isaan itti baldan, hin dhaanan, akka isa fannisaniif worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Guyyaa saddaffa'aatitti du'aa hin ka'a.» isaaniin jedhe.


Rabbi waan maraa lubbu'uun jiraachisu'uuf, Yesuus Kiristoosii Philaaxoosii Pheenxenicha afo'otti amanamummaa mishaa rage afo'otti si ajaja.


Hennaa san namoonni gara Yesuusii dhufanii, namoonni Galiila'aa hennaa ciincaa dhiyeessan, Philaaxoos isaan ajjeesee dhiiga isaanii ciincaa isaan Rabbiif dhiyeessan woliin wolitti make jedhanii Yesuusitti himan.


Akka waan isaan woliin hidhamtaniirtanii ta'a'aa worra hidhame yaadadhaa'a. Akka waan isaan woliin rakkattanii jiraata'aartaniititti worra rakkataniillee yaadaa'a!


Ani waan Kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammoo hin dhaamu.


Sababaa kanaaf isin argee, waan kana isinitti himu'uuf isin waame. Abdii Israa'elootaatiif shiboo sibiilaa kanaan hidhameera.»


Woggaa lamaan maayii, Phorikiyoos Fisxoos bakka Filiksii bulchaa ta'e. Filiksillee Yihuudota gammachiisu'uuf jedhee, Phaawuloosiin hidhaa keessatti dhiise.


Kanaaf worri isa qorachuu yaadan yoosuu isarraa siiqan. Ajajaan loltuu kumaallee akkasuma akka inni nama Rooma'aa ta'e hennaa beeke waan hiisiseeniif hin sodaate.


Teephaan duudhatanii Phaawuloosiin hennaa hidhan ajajaan loltuu dhibbaa ka isa bira dhaabateeruun, «Nama Rooma'aa, murtii malee akka tumtan isinii eeyyamameeraa?» jedheen.


Hennaa san ajajaan loltuu kumaa itti dhufee qabee shiboo sibiilaa lamaan akka hidhamu ajajee, «Inni eennuun» akka ta'eef «Maal akka godhe» gaafate.


Heroodisillee isa baasu'uuf hennaa yaade, halkan san Pheexroos siiboo sibiilaa lamaan hidhamee loltoota lama wodhakaa rafe. Worri eegan balbala afoo taa'anii mana hidha'aa eegan.


Worra Goofta'atti amanan dhiiraa fi dubartoota yoo arge hidhee, akka fiduuf xalayaa gara mana sagada Yihuudota damaasqo'ootitti akka isaaf barreessu bulchaa gadootaa gaafate.


Ilma kee woyyuu dibame Yesuusiin irratti Heroodisii fi Pheenxeenichi Philaaxoos banii Yihuudota hin taanee fi Isiraa'eliin woliin,


Kanaaf Haannaan Yesuusiin akkuma hidhameen gara bulchaa gadootaa gara Qayyaaffa'aa ergeen.


Eeganaa loltoonninii fi ajajaan kumaa hojjattoonni Yihuudotaallee Yesuusiin qabanii hidhan. Dura gara Haanna'aa fidan.


Uduu isa ega'aaran gara qe'ee bulcha'aa dabarsanii akka kennaniin qajeelaa uf fakkeessanii waan inni dubbatuun isa qabu'uuf worra riphanii eegan isatti ergan.


Hennaa Qeesaari Xabaariyos mooye woggaa kudha shanaffa'aatitti Pheenxeenichi Philaaxoos bulchaa biyya Yihuuda'aa ture, Heroodisi biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Xuriya'aatii fi Xuraakondoositti, Lisaaniyaasillee biyya Saabilamiisiititti bulchitoota turan.


Bulchaan biyyaa yoo dubbii kana dhagaye, nu itti himnee, akka isin hin rakkannellee hin goona» isaaniin jedhan.


Isaan maruu woliigalanii ka'anii gara Philaaxoosii isa fidanii,


Heroodisii fi Philaaxoos gaafas jaalalloo ta'an. Duraan edduu isaanii lolatu ture.


Yesuusiin qe'ee Qayyaffa'aatii gara moonaa bulchaa fidaniin, hennaan sunillee ganama ture. Isaannillee hoolaa ayyaana Faasika'aa waan nyaachuuf ta'aniif akka hin xuroofneef jedhanii gara Kaloo bulchaa hin seenne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite