Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 26:41 - WAADAA LAMMATAA

41 Akka ataabe'etti hin galle jabaadha'aa faateffadhaa'a; Ayyaanni qophaaya'a, foon ammoo dadhaba'a» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

41 Gara qormaataa titti akka hin aseenneef jabaadha'aatii kadhadhaa, Hafuurri dhugamaanuu qophaaya'a, foon garuu dadhaba'a.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

41 Akka ataabe'etti hin galle jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a; Ayyaanni qophaaya'a, foon ammo dadhaba'a»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 26:41
34 Referans Kwoze  

«Maaf raftan? ataabe'etti akka hin galle ka'aatii dammaqaa faateffadhaa'a!» isaaniin jedhe.


Akka hin ataabamne dammaqa'aa faateffadhaa'a! Ayyaanni namaa qophaaya'a; foon ammoo dadhaba'a» jedheen.


Faatee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa faateffadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.


Hamaa jalaa nu baasi ataabe'etti nu hin galchin, [jeennanni, hunni, ulfinnillee baruma baraan tanteeti Amiin!]


Eegasuu waan dhufu'uuf ta'u jalaa akka baataniif fuula Ilma Namaa afo'otti dhaabachuu akka dandeettan hennaa maraa jabaadha'aa faateffadhaa'a!»


«Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!»


Dammaqaa'a; amanta'aan jabaadha'aa dhaabadhaa'a, guddadhaa'a.


Diinni keessan daabiloos akka Leenca waan nyaatu soqa'aa asii achi naannaya'aa aaduu waan ta'eef, hagatti jiraadhaa'a, dammaqaa'a.


Qormaata nama maraa irratti ta'uun ala qormaanni woyiituu isin irra hin geenne; haata'uu ammoo haga dandeettan caalaa akka qoramtan Rabbiin hin eeyyamne amanama'aa. Obsuu akka dandeettan qorumsa woliin karaa baataniinillee isinii qopheessa.


Worra Gooftaa kaddaaman ataabee jalaa baasee worra cubbamoota keessattuu, worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.


Gooftaan keessan sa'aatii kamitti akka dhufu waan hin beenneef, eeganaa dammaqa'aa eeggadhaa'a.


Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.


Haata'uu ammoo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a, uf qabaa'a.


Hulee san haga gaye, «Ataabe'etti akka hin galle dammaqa'aa faateffadhaa'a!» isaaniin jedhe.


Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'an, hawwii hamaa foon isaanii woliin fannisaniiran.


Haata'uu ammoo kaawwanitti haga himeen maayii ufii nama gattame akka hin taane foon kiyya adaba'aa akka ajajamu godha.


Guyya'aa fi sa'aatii san waan hin beenneef dammaqa'aa eeggadhaa'a!» jedhe.


Achiin maayessa inni, «Lubbuun tiyya haga du'aa guddiftee gadditeerti. Isin as turaa na woliin jabaadhaa'a» isaaniin jedhe.


Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe, Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee cubbuu akka haqu godheera.


Akkuma nu worra nu yakkaniif dhiifne, yakka keennallee nuu dhiisi. Hamaa jalaa nu baasi; ataabe'etti nu hin galchin.


Sanyiin lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaka'aa irratti bu'e sunillee worra dubbii dhagayanii gammachu'uun fudhatan. Isaan garuu hidda waan hin godhaneef haga hennaa diqqo'ootiif amanan malee, yoo ataabamuun isaan irra gaye, hin ganan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite