Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 26:29 - WAADAA LAMMATAA

29 Haata'uu ammoo akkana isiniin jedha, jeennata Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin ammaa achi haga guyyaa daadhii woyini'ii dhuguutitti adha irraa jalqabee deebi'ee isin woliin hin dhugu» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

29 Mootummaa Abbaa kiyyaa titti cuunffaa firii woyinnii haarawaa irraa isin woliin haga guyyaa dhuguu titti, ammaa achitti cuunffaa firii woyinnii kanaa irraa hin dhugu isiniin jedha.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

29 Haa ta'uu ammo akkana isiniin jedha, jeennata Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin ammaa achi haga guyyaa daadhii woyini'ii dhuguutitti adha irraa jalqabee deebi'ee isin woliin hin dhugu» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 26:29
31 Referans Kwoze  

Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»


Ani dhugamaan isiniin jedha, haga ani guyyaa san jeennata Rabbii keessatti bifa haarawaan isa irraa dhugutti daraaraa woyini'ii kana irraa deebi'ee hin dhugu» isaaniin jedhe.


Kunillee banii maraafii miti. Haata'uu ammoo, nu worra firrisa Rabbiif filatamnee ragaa isaa taaneef malee, haga inni worra du'an keessa ka'een maayii isa woliin worri nyaatee dhugee nu'u.


Ammallee gara kee hin dhufa isaan biratti gammachuun kiyya ka raawwatame akka isaaniif ta'u kana biyya lafaa keessatti dubbadha.


Hennaa san qajeellonni jeennata Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu ifan. Namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.


Teessoo afo'otti busaayota arfanii fi afoo manguddootaatitti faaruu haarawa faarfatan. Worra lafa irratti fayyan keessaa kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afurii malee faaruu san baratuun eennufillee hin danda'amne.


Haata'uu ammo obboleessi kee kun du'ee ture; amma ammoo jiraataa ta'eera; badee waan argameef, guddifnee gammanna› jedheen.»


Isin gumii diqqoo'o, abbaan keessan jeennata isinii kennu'uuf fedhii mishaa isaa waan ta'eef hin sodaatinaa'a.


Akka gammachuun kiyya isin keessa taa'u gammachuun keessanillee akka raawwatamu kana isinitti himeera.


Waan ani isin seere maraa akka eegan barsiisaa'a. Ani hennaa maraa haga dhuma biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.


Hulee namoonni lama yookiin sadihii taa'anii maqaa kiyyaan hennaa wolgayanitti ani isaan woliin jira» jedhe.


Ani dhugamaan isiniin jedha, worra as dhaabatan kanniin keessaa, namoonni gariin hennaa Ilmi Namaa jeennata ufiitiin dhufu worri hin duune hin jiran» jedhe.


Eeganaa isinillee akkasuma, amma hin gadditan. Haata'uu ammoo deebi'ee isin arga, garaan keessan hin gammada gammachuu keessanillee ka isin jalaa fudhatu hin jiru.


Worra mirga isaa jiraniin, mootichi akkana jedhaan, isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa koottaa'a; Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a.


Kun dhiiga kiyya ka waadaa haarawaa ka cubbuu namoota hedduutiif jigu.


Faaruu haga faarsaniin maayessa gara gaara ejersaa ol bayan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite