Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 26:28 - WAADAA LAMMATAA

28 Kun dhiiga kiyya ka waadaa haarawaa ka cubbuu namoota hedduutiif jigu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

28 kun waayee namoota baayi'eewwanii, dhiifama cubbu'uutiif ka jigu, dhiiga kiyya ka waadaa haarawaati,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

28 Kun dhiiga kiyya ka waadaa haarawaa ka cubbuu namoota hedduutiif jiguu.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 26:28
26 Referans Kwoze  

Akkasuma Ilmi Namaa lubbuu ufii kennee nama maraa furu'uuf dhufe malee, isaaf haa hojjataniif hin dhufne» jedhe.


Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan.


Akkasuma hurbaataan maayii, untoo ol fuudhee, «Untoon tun waadaa dhiiga kiyyaan ta'u ka waadaa haarawaati; hennaa dhuddan maraa kana yaadannoo kiyyaaf godhaa'a» jedhe.


Inni woreega gumaa cubbuu keennaati. Kunillee nuu calla'aaf uduu hin ta'in cubbuu biyya lafaa maraaf.


Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,


akkasuma Kiristoosillee ammoo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammaffaa deebi'ee isaanitti mudhata.


Akkuma durummaa Ayyaana Rabbiititti, dhiiga Kiristoosiitiin furamuu, araara cubbuu keennaa arganne.


Xoroshoollee fuudhee galateeffatee, cabsee, «Kun foon kiyya, ka isinii kenname; ittiin na qaabadhaa'a!» jedhee isaanii kenne.


Ajajamuu dhabuu nama tokkootiin hedduun isaanii cubbamoota akkuma ta'an, akkasuma ammo ajajama nama tokkootiin hedduun isaanii qajeellota ta'an.


Innillee ammoo, «Kun dhiiga kiyya, ka waada'aa ka namoota hedduuf dhangala'e.


Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan marraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qacee meexxi'ii harka isaaniititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.


Haata'uu ammoo kennaan isaa haga yakka namaatii miti, sababaa cubbuu nama tokkootiif namoonni hedduu waan du'aniiraniif, Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbiitiif kennaan badhaadhumma'aa ka Yesuus Kiristoosii ka nama tokkoof ta'e sanniin caalaa namoota hedduuf baay'ateera.


Yohaannisiin cuuphaan lafa udume'ee keessatti, «Aagii gala'aatii cuuphamaa'a! Rabbillee cubbuu keessan isinii dhiisa» jedha'aa lallaba'aa dhufe.


Akkuma nu worra nu yakkuuf dhiifnu, yakka keenna nuu dhiisi.


Xuwweellee ol fuudhee Rabbiin galatoonfatee, isaanii kennee, «Isin maruu itti unaa'a;


Haata'uu ammoo akkana isiniin jedha, jeennata Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin ammaa achi haga guyyaa daadhii woyini'ii dhuguutitti adha irraa jalqabee deebi'ee isin woliin hin dhugu» isaaniin jedhe.


Akkasuma hurbaata'aan maayessa xuwwee ol fuudhee akkana jedhe, «Untoon kun waadaa haarawa dhiiga kiyya ka isinii jiguun raawwatamu.


Namni Ilma Rabbii tuffate, waadaa dhiiga ittiin qulqullaaye san ka akka batti'iititti laakkaye, ka Ayyaana badhaadhaa arrabse adabbiin maraa caalu isa irratti waan hin taane seetanii?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite