Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 26:24 - WAADAA LAMMATAA

24 Ilmi Namaa akkuma wonti isaa barreeffame hin du'a. Haata'uu ammoo, «Nama Ilma Namaa dabarsee kennu san aanne'e! Namni sun silaa uduu dhalachuu baatee isaa woyya» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

24 Ilmi Namaa akkaatama waayee isaatiif barreeffameetiin ni du'a, garuu Ilma Namaa dabarssee ka kennu nama saniif uunsha'a! Naminni sun uduu dhalachuu dhabaatee isaa woyya ture.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

24 Ilmi Namaa akkuma wonti isaa barreeffame hin du'a. Haa ta'uu ammo, «Nama Ilma Namaa dabarsee kennu san aanne'e! Namni sun silaa uduu dhalachuu baatee isaa woyya» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 26:24
34 Referans Kwoze  

Akkana isaaniin jedhe, «Kiristoos hin rakkata; guyyaa saddaffa'aa du'aa hin ka'a.


Biyyi lafaa waan nama gufachiiftuuf isii aanne'e! Wonti gufachiisu dhufuu hin oolu. Haata'uu ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e!


Ani waan fudhadhe waan maraa dura dabarsee isinii kenne, akkuma kitaabni jedhu; Kiristoos waan cubbuu keennaatiif du'ee awwaalame;


Ani isaan woliin hennaa adunyaa tana irra jiru worra naa kennite maqaa keetiin eegeera; wonti kitaabni jedhe akka raawwatamuuf ilma badi'ii malee isaan keessaa eennullee hin banne


Ilmi Namaallee akkuma itti murtaayetti hin deema. Haata'uu ammoo dabarsee ka na kennu sanii hobbaasi!» jedhe.


Ilmi namaa akkuma wonti isaa barreeffametti du'uuf hin deema; Haata'uu ammoo ilma namaa dabarsee ka kennu saniif aanne'e! Namni sun uduu dhalachuu dhabaatee isaa woyya!» isaaniin jedhe.


Yoo akkana ta'e, wonti Kitaabni Woyyuu irratti barreeffame attamiin raawwatama ree?»


Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haata'uu ammoo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree?


Haata'uu ammoo kun martinuu wonti ta'eef Kitaaboleen raattotaa haa raawwatamu'uuf» jedheen. Hennaa san darasoonni martinuu Isa dhiisanii dheessan.


Guyyaa qabaniifiiti heddu ta'anii gara mana inni keessa jiraatuu dhaqan. Waan jeennata Rabbii raga'aa, waan Yesuusillee, Seera Muuse'eetii fi raattotaa keessaa hima'aa hubachiisa'aa ganamaa haga galgalaa isaanii ibsa'aa ture.


Harki keetiif yannii kee banii Isiraa'elii woliin akka ta'u akkuma duraan dursaanii murteessan maraa raawwachu'uuf qachaa kanatti wol gayan.


Nama kana Rabbi akkuma duri murteessee fi akkuma duraan dursee yaadeef beekkomsa isaa ka durii irraan harka worra hammeeyyi'iitiin fanniiftanii ajjeeftan.


Asiin maayii Yesuus wonti maruu akka raawwatame beekee, dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf, «Dheebodhe» jedhe.


Kanaaf, «Hixaa itti haa buufannuu malee, hin biinxinu woliin jedhan. Kunillee, uffata kiyya gargar qoodaman, kittaa kiyyallee hixaa itti buufatan» ka jedhame dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf worri loltootaa akkas godhan.


Hennaa san Yesuus isin martinuu halkan kana na dhiiftanii baqattan, Ani tissee hin dhayaa hoolonni hin faca'an jedhamee waan barreeffameeruuf.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite