Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 26:18 - WAADAA LAMMATAA

18 Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii, namicha saniin, ‹Barsiisaan hennaan kiyya dhiyaateeraa; darasoota tiyya woliin si biratti ayyaana Faasikaa godha, jedheera› jedha'aan.» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

18 Inni'llee, «Gara magaala'aa yoo aseenittanitti gara mana nama argattanii deema'aatii, ‹barsiisaan yeroon kiyya gayee jiraatii barattoota tiyyaan woliin, Irbaata Ayyaana Faasiika'aa ka nyaadhu mana kee titti jedha› jedha'aanii» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

18 Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii namicha saniin, ‹Barsiisaan hennaan kiyya dhiyaateeraa; darasoota tiyya woliin si biratti ayyaana Faasikaa godha jedheera› jedha'aan.» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 26:18
18 Referans Kwoze  

Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Yeroon kiyya waan hin geenneef, hennaan keessan ammoo yoo maraa ka tole.


Yesuusillee kana dubbatee ija ufii gara sami'ii ol kaasee akkana jedhe, «Abbaa kiyya, sa'aatiin gayeera. Ilmi kee akka si kabajju foon uffataa maraa irratti baallii akka kenniteef worra kenniteef maraa akka jireenna bara baraa kennuuf Ilma kee kabajji.


Yesuusillee ayyaana Faasika'aa dura adunyaa kana irraa hennaan gara Abba'aa deemu akka gaye beekee, worra isaa ka adunyaa kana irra jiran, worra jaalate haga dhumaa jaalate.


Kanaaf isa qabu'uuf soqa'aa turan. Haata'uu ammoo hennaan waan hin geenneef eennullee harkaan isa hin tundhe.


Isin gara ayyaana kanaa bayaa'a, ani ammoo hennaan kiyya waan hin raawwatamneef, gara ayyaana kanaa hin bayu.»


Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Ilmi Namaa kabajjamu'uuf sa'aatiin gayeera.


Guyyama guyya'aan hennaa mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu nan tundhe, amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe.


Kanuma jettee deemtee obboleettii ufii Maariyaamiin hojjatti waamtee, «barsiisaan dhufeera, si waama'aara» jetteen.


Innillee uduma dubbata'aaru namoonni tokko tokko mana Iyaayiroosii bulchaa Mana sagada Yihuudotaatii dhufanii, «Intalti tee duuteertii, maaf barsiisaa dadhabsiifta?» jedhaniin.


«Guyyaa lamaan maayessa ayyaanni Faasika'aa akka ayyaaneffamu hin beettan. Ilmi Namaa worra Isa fannisutti dabarfamee kennama» jedhe.


Hayyuun keessan Kiristoosii tokkocha waan ta'eef, ‹Hayyuu› jedhamtanii hin waamaminaa'a.


Isin barsiisaa tokko waan qabdanii fi isin martinuu obboleeyyan waan taataniif, ‹Barsiisaa'a› jedhamtanii hin waamaminaa'a.


Eennullee yoo waa isiniin jedhe, ‹Goofta'atu barbaada, inni uduu hin turin deebisa› jedhaa'a» isaaniin jedhe.


Yesuusillee, «Maariyaam» jedheen, isiinilee uf duuba laaltee Ibraayisxiffaan, «Rabbunii» jetteen; hiikkaanillee, «Barsiisaa kiyya» jechu'u.


Yihuudaan akkuma gara Yesuusii dhufeen, «Barsiisaa'a, attam nagaya jirtaa!» jedhee isa dhungate.


Darasoonni isaallee akkuma Yesuus isaan ajaje godhanii Faasikaa qopheessan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite