Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 26:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Yesuus waan kana beekee akkana isaaniin jedhe, «Dubartii tana maaf rakkiftan? Isiin waan mishaa naa goote.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Yesus'llee kana jechuu isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Dubarttii tana maali'iitiif rakkifttaniin? Isiin anaaf waan mishaa raawwattee jirtti,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Yesuus waan kana beekee akkana isaaniin jedhe, «Dubartii tana maaf rakkiftan? Isiin waan mishaa naa goote.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 26:10
24 Referans Kwoze  

Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimstee akka dubbattu si hoffolcha. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu.


karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Worra gosa keenna keessattillee akkasuma jireenna bu'aa hin qabne akka hin jiraanne waan barbaachisu maraan hujii misha'aa fi uf kennuu haa baratanii.


Namoota bulchootaa fi worra baallii qaban jalatti bulu'uuf ajajaman hujii mishaa maraaf worra qophayan,


Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.


Isaan Rabbiin beenna jedha'aa ifa dubbatan. Haata'uu ammoo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif, hujii ufiitiin isa ganan.


Eeganaa ennullee waan kanniin irraa yoo uf qulqulleesse, woyyuu ulfinnaaf ta'u, ka Gooftaa isaatiifillee fayyadu, meeshaa hujii mishaa maraaf qophaye ta'a.


Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, worra rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.


«Ennullee tooyata'aa fi bulchaa ta'uu yoo barbaade hujii mishaa hawwa» jechi jedhu amanama'a.


Hujii mishaa maraan daraaraa daraara'aa, beekkomsa Rabbiitiinillee guddata'aa,


Nu uumama isaa waan taaneef, Rabbi firrisee hujii mishaa inni qopheesse akka hojjannuuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin uumamne.


Ani gadaannisa Yesuusii nafa kiyya irraa waan qabuuf, ammaa achi wonti tokkollee na hin dadhabsiisu.


Worri isin jaanjursan sunniin gadoomuu callaa uduu hin ta'in, uf irraallee haa muranii.


Akkana jechuun Oduun Nagayaa ka biraa hin jira jechu'uu miti. Ta'ullee worri Oduu Nagayaa Kiristoosii irraa isin raasu'uu fi isin dabsuu barbaadan namoonni tokko tokko hin jiran.


Bitinneesse, hiyyeeyyi'ii kenne, qajeellummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata jedhamee akkuma barreeffame Rabbi hennaa maraa waan maraanuu dandeettii maraa argattanii hujii misha'aan akka baayi'attan badhaadhummaa maraan isin guddisuu danda'a.


Yesuus ammoo akkana isaaniin jedhe, «Isii dhiisaa'a! Isin maaf isii rakkiftan? Isiin waan mishaa naa gooteerti.


Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.


Urgoon kun gatii gudda'atti gurguramee, birriin sun silaa hiyyeeyyi'iif uduu kennamee woyya» jedhan.


Hiyyeeyyiin hennaa maraa isin woliin jiran, Ani ammo hennaa maraa isin woliin hin jiraadhu.


Uduma inni dubbata'a jiru, namni tokko bulchaa mana sagada Yihuudotaatitti dhufeetti, «Mucattiin tee duuteerti; kanaafuu barsiisaa hin dadhabsiisin» jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite