Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 24:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Namoonni hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan dhufan. Namoota hedduu hin dogoggorsan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 Baayi'eewwn, ‹ani Masihi'i!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Namoonni hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan dhufan; namoota hedduu hin dogoggorsan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 24:5
15 Referans Kwoze  

Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota dharaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee, worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan.


Raattonni dharaa hedduunillee hin ka'an, Namoota hedduullee hin dogoggorsan.


Ijoollee, sa'aatiin tun ta dhumaati, Ka waan Kiristoosii mormu akka dhufu dhageettaniirtan. Ammumaa worri waan Kiristoosii mormu hedduu dhufeera. Kanaaf akka sa'aatii dhumaa ta'e hin beenna.


Ani maqaa abbaa kiyyaatiin dhufeera. Isin garuu na hin simanne ka biraa uduu maqaa ufiitiin dhufee, isa ammoo hin simattan.


Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif.


Eegasuu, «Isin cubbuu keessaniin duutan isiniin jedha. Ani akka ‹Ana› ta'e yoo amanuu dhabatan cubbuu keessaniin duutan» isaaniin jedhe.


Kanaaf Yesuus, «Hennaa Ilma Namaa ol ol qabdan, akka ani isa ta'e akka Abbaan kiyya na barsiisee kana akka dubbadhuuf malee, ani ufumaan waan tokkollee akka hin goone hennaa san beettan.


Kiristoosii miti jedhee ka Yesuusiin ganu malee sobaan eennu ka Aabbaa fi Ilma isaa ganu, inni mormaa Kiristoosiiti.


Ayyaanni Yesuus Kiristoos akka fooniin dhalate hin amanne maruu ka Rabbiitii miti. Innillee Ayyaana Kiristoosiin mormu. Kun akka dhufu dhageettaniirtu, ammumaa adunyaa keessa jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite