Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 24:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Gosa maraaf ragaa akka ta'u, Oduun Nagayaa ka jeennataa, biyya lafaa maratti hin lallabama. Achiin maayessa muummeen hin dhufti» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

14 Ummatoota maraaf ragaa akka ta'u Wongeelli Mootummaa Waaqaa kun, biyya lafaa maratti ni lallabama, yeroo sanitti muummeen isaa ni dhufa.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

14 Gosa maraaf ragaa akka ta'u Dubbiin Nagayaa ka jeennataa, biyya lafaa maratti hin lallabama. Achiin maayessa muummeen hin dhufti» jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 24:14
29 Referans Kwoze  

Maleekkaan Oduu Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge.


Haata'uu ammoo waan hin dhageenneefii? Dhugamaan, «Laagaan isaanii biyya lafaa maraa irratti dhagayame; dubbiin isaaniillee haga daangaa adunya'aa baye» jedha.


Maqaa isaatiin cubbuu irraa deebi'uu fi araarri cubbuu Yeruusaaleemiin irraa jalqabee gumii maraa irratti hin lallabama jedhamee barreeffameera.


Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.


Akkuma dhaxxaniin, jeennanni sami'ii dhiyaatteerti jedha'aa lallabaa'a.


Yesuusillee Mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhukkubaa fi dhibee maraa fayyisa'aa qachootaa fi gandoota maraa keessa deddeeme.


Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. Ayyaana Rabbiillee dhuga'aan guyyaa dhageettanii fi beettan irraa jalqabee, akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa hin guddata.


Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne uf eeggadhaa'a; Kun ta'uun isaa dirqama, haata'uu ammo ammallee dhumni hin geenne.


Yesuusillee manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa deddeeme.


Hennaa arguu dhaban Iyyaasoonii fi obboleewwan gari garii gara bulchoota qachaa ufii harkisanii, «Worri adunyaa booressan kunniin, garanallee dhufaniiran.


Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.


Ammallee kunoo ani jeennata Rabbii hima'aa wonti isin jidduu deddeebi'eef, isin maruu ammaa achi akka na hin argine hin beeka.


Yesuus gaara ejersaa irra taa'ee uduu jiru, darasoonni hojjatti gara isaa dhufanii, «Kun yoom ta'a nutti himi? Dhufa keetii fi dhuma biyya lafaatiif malkanni maali'i?» jedhaniin.


Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan.


Daabiloosillee gara gaara tokkoo ol isa baasee haga limsuu ijaatitti mootota adunyaa tanaa maraa itti mudhise.


Isaan keessaa namichi Agaabos jedhamu tokko ka'eeti adunyaa maraa irratti beelli akka dhufu Ayyaana Woyyu'uun isaanitti hime; wonti kunillee bara Qelaawudeewoos Qeesarichaa ta'e.


Ammallee, ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa, biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galee yoo faateffate, Abbaan kiyya ka samii irra jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha.


Ji'oota san keessa biyyi lafaa maruu akka galmaayu mootii mootota Awugisxoosiin biraa ajanyi baye.


Haata'uu ammoo, Oduun Nagayaa duraan dursee banii maraaf hin lallabama.


Inni haaganaa waan qabeeruuf guyyaa san harka nama qopheessee saniin adunyaa irratti qajeellumma'aan murteessu'uuf ta'a. Kanaafuu worra du'e keessaa isa kaasu'uun maraa mirkaneesseera»


Akka hujiin keenna tuffatamu callaa uduu hin taane, ta Isiiyaanii fi adunyaan marti kaddaamu, waaqa guddoo mana woyyuu ta Arxeemsii akka waan duwwa'aatitti haa laakkayamu'uuf guddinni isi'iillee diiggaminnaa sodaachisa.»


Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkoonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha.


Rabbi adunyaa dhuftu ta waan isi'ii dubbannu tana akka maleekkotaa jalatti bultu hin goonne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite