Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 24:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Raattonni dharaa hedduunillee hin ka'an, Namoota hedduullee hin dogoggorsan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Nabiyyoonni dharaa baayi'een ni ka'an, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Raattonni sobaa hedduunillee hin ka'an, Namoota hedduullee hin dogoggorsan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 24:11
13 Referans Kwoze  

Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota dharaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee, worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan.


Yesuus ammallee, «Raattota dharaa irraa uf eeggadhaa'a; hoolaa fakkaachu'uuf gogaa hoola'aa uffatanii, gara keessan hin dhufan; keessi isaanii ammoo akka Yayyii beeloftee ti.


Namoonni hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan dhufan. Namoota hedduu hin dogoggorsan.


Ayyaanni ammoo adima bara maayeesa keessa namoonni gari gariin barumsa ayyaana sobdoota uf tuultootaatii fi jinni'ii keennamu caqasa'aa, amantaa ganan jedha; yaanni akkanaa kun worra sammuu isaanii akka waan guba'aan gubameetitti hadoode irraa dhufa.


Sababaanillee Kiristoosonni dharaatii fi raattonni dharaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan.


Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan.


Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.


Goshoota tiyya, Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haata'uu ammoo ayyaannoni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif.


Ijoollee, sa'aatiin tun ta dhumaati, Ka waan Kiristoosii mormu akka dhufu dhageettaniirtan. Ammumaa worri waan Kiristoosii mormu hedduu dhufeera. Kanaaf akka sa'aatii dhumaa ta'e hin beenna.


Waan worra isin dogoggorsaniitiif kana isinii barreesseera.


Sababaa baayi'inna hammeennaatiin, jaalalti namoota hedduu hin qabbanooft.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite