Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 23:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Hulee gabaya'aatitti nagaya ulfinnaa akka isaan gaafatanii fi gumiin ‹Barsiisaa'a› jedhanii akka isaan waaman jaalatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Bakka gabaya'aa titti'llee naminni marrinuu nagaya akka isaan gaafatanii fi ‹yaa barsiisaa!› jedhee, akka isaan waamuuf ni barbaadan,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Hulee gabaya'aatitti nagaya ulfinnaa akka isaan gaafatanii fi gumiin ‹Barsiisaa'a› jedhanii akka isaan waaman jaalatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 23:7
19 Referans Kwoze  

Yesuusillee ufirra midhatee hennaa isaan faanaa deeman argee, «Maal soxxan?» jedhee isaan gaafate.


Naatinaa'elillee, «Eessatti na beetta?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Uduu Filiphoos si hin waamne, uduu ati muka hurbu'uu jala jirtu si arge» jedheen.


Yesuusillee, «Maariyaam» jedheen, isiinilee uf duuba laaltee Ibraayisxiffaan, «Rabbunii» jetteen; hiikkaanillee, «Barsiisaa kiyya» jechu'u.


Isaanillee galaana gamatti hennaa isa argan «Barsiisaa'a, yoomiin garana dhufte?» jedhaniin.


Isaanillee gara Yohaannisii dhufanii, «Barsiisaa'a, namichi Yoordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati waan isaa ragaa baateef sun cuupha'aa waan jiruuf, namni maruu gara isaa dhaqa'aara!» jedhanii itti himan.


Innillee halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a, yoo Rabbi isa woliin ta'e malee, maalalee ati hojjattu kanniin ka hojjatuu danda'u waan hin jirreef, barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen.


Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan sunillee, «Barsiisaa'a! Ija tiyya akka naa bantu barbaada» jedheen.


Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! As jiraachuun keenna nuu misha'a! Koottaa asitti daasee sadihii, tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen.


Isin barsiisaa tokko waan qabdanii fi isin martinuu obboleeyyan waan taataniif, ‹Barsiisaa'a› jedhamtanii hin waamaminaa'a.


«Dhaloota kana maali'iin wol fakkeessa? Inni akka ijoollee lafa gabaya'aa taa'anii hiriyyoota isaaniitiin,


Yihuudaan dabarsee isa kennu deebisee, «Barsiisaa'a, ana ta'innaa?» jedhe. Innillee atuu jette jedheen.


Yihuudaan akkuma gara Yesuusii dhufeen, «Barsiisaa'a, attam nagaya jirtaa!» jedhee isa dhungate.


Pheexroos waan Yesuus jedhe qaabatee, «Barsiisaa, laali! mukattiin ati abaarte goddeerti» jedheen.


Yesuus uduu isaan barsiisu akkana isaaniin jedhe, «Barsiisota Seera Muuse'ee, ka uffata dheeraa uffatanii asii fi achi deema'aa, gabayaa keessatti namoonni isaanii sagada'aa nagaya akka isaan gaafatan jaalatan, mana sagada Yihuudotaa keessatti teessoo olaanu, lafa cidhaatittillee hulee ulfinnaa worra filatu irraa uf eeggadhaa'a!


Yihuudaan akkuma achi gayeen, gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisaa'a!» jedhee isa dhungate.


Isin Fariisota mana sagadaatitti barcumma kabajja'aa, gabaya'attillee akka nagaya isin gaafatan waan jaalattaniif isin hobbaasi.


Uduu kun ta'aa jiru darasoonni isaa, «Barsiisaa'a, mee waa nyaadhu!» jedhanii kadhataniin.


Darasoonnillee, «Barsiisaa'a, akka namni kun ballaa ta'ee dhalatuuf ka cubbuu hojjate eennu? Isa moo worra isaati? jedhanii isa gaafatan.


Darasoonni isaa, «Barsiisaa'a, Yihuudonni armaan dura si dhayuu barbaadanii turan. Amma ammoo achi deemtaa?» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite