Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 23:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Isin fakkeessitota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisoota faatee dheeressu'uun sababdanii mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa waan nyaattaniif isinii aanne'e! Kanaafuu murtii guddaa argattan.]

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

14 «Fakkeessu'uuf kadhannaa dhiyeessitan dheera'aan sababata'aa, dubarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'an qabeenna isaan ittiin bulan ka jalaa fixxan isin fakkeessitoonni barsiisonni seeraatii fi worra Farisootaa, isinii uunsha'a! Kanaaf isin murtiin caalu isin irra ni gaya.]

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

14 Isin fakkeessitoota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisota Rabbiin kadhatuu dheeressu'uun sababdanii mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa waan nyaattaniif isinii aanne'e! Kanaafuu murtii guddaa argattan.]

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 23:14
14 Referans Kwoze  

Yesuus, «Barsiisota seera Muuse'eetii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin balbala jeennata sami'ii namatti waan cuftaniif isin aanne'e! Isin hin galtan, worra itti galanillee akka itti hin galle dhooggitan. [


Isaan faatee dheeraa faateffachu'uun, mana haadha hiyyeessaa worra xamban, worra akkasii san murtii gudda'atu isaan eeggata» jedhe.


Isaan faatee dheeressa'aa sababaa mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa worri nyaatu kunniin murtii hamaa argatan» jedhe.


Haata'uu ammoo akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii san, si caalaa biyya Soodoomiitii hin salphata.


Isin bofa, ijoollee buuti'ii murtii asaabaa jalaa attamiin baatan?


Ka waan isa tumsiisu hin beenne ammoo, uduu hin beenne yoo hojjate diqqoo tumama. Nama wonti guddaan itti kenname irraa waan guddatu barbaadama; Yaboon guddaan ka itti kenname irraallee waan guddatu barbaadama» jedhe.


Worri akkanaa kunniin dhokata'aa gara mana namootaa seena'aa, hinaaffaa, worra cubbuun isaan irratti tuulame, worra dharraa adda addaatiin fudhataman sirima dubartoota gowwaa dhugaa beekuu bira gayuu hin dandenne, worri boojii'an worra akkanaa kanniin.


Worra hin ajajamne, ka waan duwwaa qaaqanii fi soban, keessattu gosa worra gaadoomanii keessaa heddu.


Obboleeyyan tiyya! Marti keessan barsiisota hin ta'inaa'a. Worri akkasii murtii caalu akka argatu waan beettaniif.


Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitii ufumaa mammaaka dubbata'aati isin irraa nyaatan; murtiin isaanii duri irraa jalqabee hin turu; badiin isaaniillee hin mugu.


Isaan hennaa maraa halcha hama'aa fi ija cubbuu hujuu irraa hin deebine qaban, namoota amanta'aanii jabaatanii hin dhaabanne dogoggorsan, qalbii fedha bada'aan guuttamte qaban; isaan worra abaarame.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite