Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 22:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Darasoota isaallee worra gosa Heroodisii woliin itti ergan. Isaanillee, «Barsiisaa'a, akka ati dhugaa taate dhugamaan karaa Rabbii akka barsiiftu hin beenna. Fuula namaa laala'aa eennuunillee wol hin caalchiftu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Farisoonni'llee barattoota isaanii namoota Heerodisii woliin'llee gara Yesusii erganii, «Yaa barsiisaa! Ati dhugaalessa ta'uu keetii fi karaa Waaqaa'llee dhuga'aan akka barsiifttu ni beekinna, nama'llee sodaachu'uun wonitti raawwatu hin jiru, namaaf'llee hin dalittu» eega isaan jedhaniin duubatti, akkana jedhanii ni gaafataniin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Darasoota isaallee worra gosa Heroodisii woliin itti ergan. Isaanillee, «Barsiisaa'a! akka ati dhugaa taate dhugamaan akka karaa Rabbii barsiiftu hin beenna. Fuula namaa laala'aa eennuunillee wol hin caalchiftu.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 22:16
36 Referans Kwoze  

Achiin maayii Fariisonni gad bayanii yomasan attamitti akka isa ajjeesan miiltota Heroodiisii woliin mari'atan.


Isaanillee Yesuusiin akkana jedhaniin, «Barsiisaa keenna akka ati dhugaa dubbattuu fi barsiiftu, namallee akka wol hin caalchifne hin beenna, dhugamaan karaa Rabbii barsiifta.


Worri ergaman dhufanii, «Barsiisaa'a! akka dhugaa dubbattu nu hin beenna; nama tokkollee hin sodaattu; karaa Rabbii dhuga'aan barsiifta, nama wol hin caalchiftu. Mootii mootota worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa miti? hin gabbarra moo hin gabbarru?» jedhaniin.


Yesuus isaaniin, «Laalladhaa'a! raacitii Fariisotaatii fi Heroodiisii irraa uf-eeggadhaa'a» jedhee isaan seere.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Philaaxoosillee eeganaa, «Ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani mootii akka ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


Ka ufirraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammoo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru.


Ogummaan Rabbiin irraa ammoo woyyitti'i, araaramtu'u. Gara-laafettii ta maarre jettu, ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte, ta mami'ii fi ta uf tuuluulee hin qabne.


Haata'uu ammoo, akka Rabbi qoree nu laalee amanamtoota ta'uu keenna argee, Oduu Nagayaa yaboo nutti keennetti dubbanna. Kanallee yoo goonu, Rabbii keessa keenna qoru san gammachiisu'uuf malee, nama gammachiisu'uufii miti.


Worri bulchoota fakkaatan ammoo eennummaan isaanii ka duraa womaa natti hin fakkaatu. Rabbi fuula namaa laalee wol hin dabarfatu. Isaan Oduu Nagayaa ani himu irratti womaa hin edaane.


Ani amma nama biratti fudhatama argachuu barbaada mo'o? Rabbiin biratti? Amma yoo nama gammachiisa ta'e, ani garbicha Kiristoosiitii miti.


Kanaafuu ammaa achi eennuttillee fuula laala'aa hin murteessinu; Akki Kiristoosiin itti laalle ija laalcha fooniitiinillee yoo ta'e, ammaa achi haala kanaan hin laallu.


Haata'uu ammo nu waan dhossa'aatii fi waan nama saalfachiisu ganneerra; dharaan hin deddeebinu. Dubbii Rabbii sobaan wolitti hin hin mannu. Dhugaa ibsu'uun waan sammuu nama maraatiif tolu Rabbiin afo'otti goona.


Nu akka worra hedduu ka dubbii Rabbii wolitti mammaka'aa gurguratuutii miti. Qajeellummaa san waan hin taaneef; ammoo Rabbiin biraa akka ergamne Kiristoosiin keessa taanee Rabbiin afo'otti dubbanna.


Yesuusillee deebisee, «Simoon waan sitti himu qaba» jedheen. Innillee, «Barsiisaa kiyya, natti himi» jedheen.


Yesuus achii ka'ee akkuma kara'atti bayeen, namichi tokko gara isaa fiigee, afoo isaatitti jilbiinfatee, «Barsiisaa mishaa'a! gara jireenna bara baraa galu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee gaafate.


Yihuudaan akkuma gara Yesuusii dhufeen, «Barsiisaa'a, attam nagaya jirtaa!» jedhee isa dhungate.


Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii, namicha saniin, ‹Barsiisaan hennaan kiyya dhiyaateeraa; darasoota tiyya woliin si biratti ayyaana Faasikaa godha, jedheera› jedha'aan.» isaaniin jedhe.


Sadaffa'aa haga torbaffa'aatitti isii dhaalanii uduu ijoollee hin uumatin irraa du'an.


«Barsiisaa'a, Muuseen, ‹Namni tokko uduu hin uumanne yoo du'e, obboleessi isaa haadha manaa obboleessa du'ee san dhaalee, fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu› jedhe.


Achiin maayessa waan inni dubbatuun isa qabu'uuf jedhanii, worra Fariisotaatii fi worra gara Heroodisii ta'an keessaa jara tokko Yesuusitti ergan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite