Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 21:41 - WAADAA LAMMATAA

41 Isaan deebisanii, «Inni worra hamoota hammeenna isaaniitiin isaan ajjeesa. Biqiltuu woyini'ii kana, qonnaan bultoota biraa hennama henna'aan yoo midhaan gaye isaa fidaniifiititti kenna.» jedhaniin.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

41 Inni'llee, «Raawwiin namoota hamaaleyyii kanniinii ka hammaate ni taasisa. Bakka biqilttuu woyinni'llee worra callaa yeroon isaaf kennan, qotee bulttoota bira'aatiif ni kireessa» jedhaniin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

41 Isaan deebisanii, «Inni worra hammeeyyii hammeenna isaaniitiin isaan ajjeesa. Biqiltuu woyini'ii kana, qonnaan bultoota biraa ka hennama henna'aan yoo midhaan gaye isaa fidaniifiititti kenna.» jedhaniin.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 21:41
38 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo hennaa isa mormanii fi arrabsaniin uffata ufii hargufata'aa balleessaa keessaniif isintu gaafatama. «Ani qulqullu'u ammaa achi gara worra Yihuudota hin taanee deema» isaaniin jedhe.


«Kanaaf, akkana isiniin jedha, jeennanni Rabbii isin irraa fudhatamtee, banii daraaraa godhatuuf kennamti. [


Eeganaa, «Fayyummaan Rabbii kun worra Yihuudii hin taaneef akka ergame isin biratti haa beekkamuu. Isaanillee hin dhagayaniin.» [


Ka dubbataaru san jalaa akka hin dinne uf eeggadhaa'a. Yoo worri lafatti itti himame didan jalaa hin baane ta'e, eegasuu ka sami'ii nutti dubbate irraa yoo fagaanne attamitti jalaa baana?


Nullee fayyinna guddaa akkanaa kana yoo lash itti jenne, attamiin jalaa baana. Kun dura waan Goofta'aan himamee tureef; worri dhagayanillee nuu cimsan.


Hennaa maraa cubbuu hojjatu'uun worri Yihuudiin hin taane akka fayyan akka isaanitti hin himne nu dhooggan. Haata'uu ammoo dheekkamsi Rabbii hagaa ol isaan irra gayeera.


Abbaan Pupiiliyoosii haxaxxe'ee fi baasa'aan dhibamee ciiseera. Phaawuloos gara isaa seenee Rabbiin kadhateefii harka ufiillee isa irra kaayee jennaan namichillee fayye.


Haga guddisanii wol mormaniin maayessa Pheexroos ka'ee akkana isaaniin jedhe, obboleewwan tiyya worra Yihuudii hin taane afaan kiyyarraa Oduu Nagayaa dhagayanii akka amanan Rabbi bara hago'oon dura isin keessaa akka file isinuu hin beettan.


Inni Manshii harkaa qaba. Oyiddillee sirritti qulqulleessa. Qamadii gootara'atti galcha. Buraa ammoo ibidda bobayee hin dhaamne keessatti guba».


Hennaa woyiniin sun gaye, midhaan fudhachu'uuf hojjattoota ufii gara worra biqiltuu woyini'ii eeganii erge.


Eegasuu Abbaan biqiltuu woyinii sanii hennaa dhufe, qonnaan bultoota san waan maal godhu seetan?» isaaniin jedhe.


Kanaafuu gooftaan ashaakiltii woyini'ii maal isaan godhinna laata? Inni dhufee qonnaan bultoota kanniin balleessee, ashaakiltii woyini'ii san namoota biraatii kenna» jedhe. Isaan haga waan kana dhagayan, «Rabbi waan kana nutti hin fidin!» jedhan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite