Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 21:33 - WAADAA LAMMATAA

33 Yesuus ammallee, «Mammaaka biraa dhagayaa'a!, Namicha biqiltuu woyini'ii dhaabe tokkotu ture. Dallawa dhaga'aan itti ijaaree, boolla woyinii itti cuunfanillee qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree qotee bultootatti kireessee gara biyya biraa deeme.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

33 Irra deebi'ee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Fakkeenna bira'aa'llee dhagayaa, biqilttuu woyinni'ii ka dhaabe nama tokkotu jira ture, inni'llee biqilttuu woyinni'ii naannayatti dalaya ni dallaye, cuunffaa wooyinni'iitiif ka ta'u boolla qotee ni midhaasse, eegiddoo woyinni'iitiif ka tajaajilu kaabaa dhaga'aa dheeraa ni hojjate, kanaan duubatti bakka biqilttu'uu qotee bulttootaaf kireessee, gara biyya bira'aa ni deeme.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

33 Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Mammaaka biraa dhagayaa'a! Namicha biqiltuu woyini'ii dhaabe tokkotu ture. Dallawa dhaga'aan itti ijaaree, boolla woyinii itti cuunfanillee qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree qonnaan bultootatti kireessee gara biyya biraa deeme.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 21:33
23 Referans Kwoze  

Jirmi woyini'ii ka dhuga'aa ana. Ka isa dhaabee guddisellee Abbaa kiyya.


Namichi fiixaa mooti'ii tokko muudamee mootii ta'ee deebi'uuf biyya fagoo dhaqe.


Kunillee akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee, isaan maraafuu hujii kennee, ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata.


«Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni teessoo Muuse'ee irra taa'aniiran.


Yesuus isaaniin, «Maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ijoollee lama qaba; inni gara hangaftichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya, adha hulee woyini'ii dhaqii huji› jedheen.


Yesuus ammallee, «Hiikkaa namicha sanyii facaasuu maal akka ta'e dhagayaa'a.


«Jeennanni sami'ii nama maasaa woyinii ufiitiif hojjattoota qaxaru'uuf obboro'oon baye fakkaatti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite