Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 21:15 - WAADAA LAMMATAA

15 Haata'uu ammoo bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee baasaa fi maalalee inni mana woyyuu keessatti godheef, hennaa ijoolleen, «Hoosaanaa Ilma Daawitiitiif» jedha'aa iyyan arganii aaran.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Garuu itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, waan baasaa ka Yesus raawwate arguu isaaniitii fi daai'mman'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, «Ilma Daawiitiitiif Hosaa'inaa! Galanni haa ta'u!» jedha'aa yoo iyyan, dhagayuu isaaniitiin ni dallanan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee ammo baasaa fi maalalee inni mana woyyuu keessatti godhee fi hennaa ijoolleen, «Hoosaanaa Ilma Daawitiitiif» jedha'aa iyyan arganii aaran.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 21:15
20 Referans Kwoze  

Gumiin afo'oo fi duuba isaatiin deeman iyya'aa, «Hosaanaa Ilma Daawitiitiif jedha. Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Hosaanaa samii irratti!» jedha'aa turan.


Kanaaf Fariisonni, «Waan tokkollee godhuu akka hin danda'amne argitanii? Kunoo adunyaan isa faanaa ka'anii deema'aaran!» woliin jedhan.


Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonillee qabu'uuf hulee inni jiru namni beeku yoo jiraate akka isaanitti mudhisuuf ajajanii turan.


Akka Kiristoos fiixaa Daawitii keessaa dhalatuu fi akka inni Beeteliheemii qachaa Daawitiitii dhufu kitaabni hin dubbatuu?» jedhan.


Fariisonni Yesuus Yohaannisiin caalaa'a, darasoota akka eda'atee fi akka cuuphaaru akka dhagayan Yesuus haga beeke,


Hennaa lafti bariite manguddoonni biyyaa, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee wolgayanii gara yaa'ii murti'ii fidanii,


Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee gumii sodaatan malee attamiin akka isa balleessan barbaada'aa turan.


Guyyaa tokko Yesuus gumii mana woyyuu keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa uduu lallabu bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee manguddoota woliin gara isaa dhufanii,


Bulchoota gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhagayanii, mala isa ittiin ajjeesan barbaaduu jalqaban, gumiin barumsa isaa guddisanii waan maalalfataniif, isaan isa sodaatan.


Bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni Baarbaaniin akka isaanii hiikaniif Yesuusiin ammoo akka ajjeessisaniif gumii shelatan.


Haga lafti bari'e bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni gumi'ii maruu Yesuusiin ajjeesu'uuf mari'atan.


Bulchoonni gadootaatii fi gumiin jaarsolle'ee maruu Yesuusiin ajjeesu'uuf raattoota dharaan isa irratti ragaa bayan soqa'aa turan.


Achiin maayii hayyichi gadootaatii fi manguddoonni gumi'ii dallawwa gadicha guddaa Qayyaafaa jedhamuutitti walgayan.


Yesuus, «Wonti Kiristoosii maal isinitti fakkaataa? Inni ilma eennuuti?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Ilma Daawitiiti» jedhaniin.


Gara mana woyyuu seenee uduu barsiisu, bulchoonni gadootaa, manguddoonninii fi gumiin gara isaa dhiyaatanii, «Ati baallii maali'itiin waan kana goota? baallii kana eentu sii kenne?» jedhaniin.


Yesuus achii ka'ee uduu deema'aaru, namoonni ballaan lamaan, «Ilma Daawitii, nu fayyisi!» jedha'aa iyya'aa isa faanaa deeman.


Darasoonni kudhanii waan kana hennaa dhagayan, obboleeyyan lamaan sanitti aaran.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite