Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 20:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Hennaa aduun dhiite, Abbaan maasaa woyinii sanii, ajajaa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra maayessa qaxarame irraa haga worra dura qaxarameetitti, mindaa isaanii kaffaliif.› jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 «Yeroo dhiyetti'llee abbaan bakka biqilttuu woyinni'ii itti gaafatamaa huji'iitiin, ‹hojjattoota waamiitii worra muummee irratti mindeeffaman irraa jalaqabddee, haga worra duran mindeeffamanii titti, gatii hujii isaanii kafali!› ni jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Hennaa aduun dhiite abbaan maasaa woyinii sanii ajajaa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra maayessa qaxarame irraa haga worra dura qaxarameetitti mindaa isaanii kaffaliif› jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 20:8
22 Referans Kwoze  

Akka tooyataa amanama'aa kennaa Rabbii ka adda addaa hujii irra oolchuu tokkootitti isin maruu kennaa Rabbiin irraa argattan kanaan wol-tajaajilaa'a.


akkasuma Kiristoosillee ammoo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammaffaa deebi'ee isaanitti mudhata.


Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi waan shinga'aa ka hin jaalanne,


Namni martinuu nafa ufii irratti waan mishaa ta'e, waan hamaa hojjatee, akkuma hujii ufiitiin waan gatii argatuuf nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo dhaabanna.


Gooftaan akkana jedhee deebiseef, Eegasuu, «Hojjataan amanamaa fi ogeessi, ka gooftaan isaa nyaata isaanii henna'aan akka kennuufiif jedhee gooftaan hojjattoota ufii irratti isa muudu eennu?


Hojjataa tokkoo mindaan waan barbaachisuuf waan isaan isinii kennan maraa nyaata'aa dhuga'aa manuma san keessa taa'aa'a malee, mana tokkoo gara mana biraa hin deeminaa'a.


Yohaannaan haadha manaa Kuuza'aa ajajaa Heerodisii Soosina'aa fi namoonni kuuwwanillee heddu ta'anii birrii ufiitiin isa tajaajila'aa turan.


Yesuus ammallee, «Ilmi Namaa ulfinna ufiitii fi Maleekkota Rabbii maraa woliin hennaa dhufu, teessoo ulfinnaa ka ufii irra taa'a.


Bara hedduun maayessa gooftaan hojjattoota sanniinii galee isaan tooyate.


Isaanillee ‹Nama nu qaxaru waan dhabneef as dhaabata'aarra› jedhaniin. ‹Inni ammo gara maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aa hujaa'a; waan isin gayu argatanii.› isaaniin jedhe.


Worri gara sa'aatii kudha tokkoffa'aatitti hujii galanillee dhufanii, marti isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite