Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 20:22 - WAADAA LAMMATAA

22 Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan. Mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu, cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaanillee, «Ee hin dandeenna.» jedhaniin.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

22 Yesus garuu, «Isin waanuma kadhatanuu hin beekittan, ani yeroo dhiyo'otti ka dhugu duloo rakkinnaa dhugu'uuf ni dandeettanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee ni dandeenna!» jedhan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

22 Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan; mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu'u; cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaan, «Ee hin dandeenna!» jedhanii deebisaniif.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 20:22
17 Referans Kwoze  

Abbaa kiyya fedhii kee yoo ta'e untoo tana narra dabarsi. Haata'uu ammoo fedhii kee malee kiyyaa hin ta'in jedhaa faateffate.


Yesuus ammallee hennaa lammaffa'aaf isaan irraa siiqee, «Abbaa kiyya, mijuun rakko'oo tuni uduu hin dhunne narra lufuu ka hin danda'amne yoo ta'e, fedhiin tee haa taatu» jedhee faateffate.


Yesuusillee Pheexroosiin, «Guraadee kee qola keessatti gad deefadhu! Mijuu Abbaan kiyya naa kenne hin dhuguu?» jedheen.


«Abbaa kiyya wonti maruu sii hin danda'ama; mijuu rakkinnaa kana na irra dabarsi! haata'uu ammoo akka ati feetu haata'uu malee, akki ani fedhu hin ta'in» jedhee faateffate.


Diqqoo isaan irraa siiqee, kallachaan gad kufee, «Abbaa kiyya, yoo danda'ame, mijuun rakkinnaa tun narra haa luftuu; haata'uu ammoo akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin ta'in» jedhe.


Akkasuma Ayyaanni dadhabbii keenna nu gargaara; attamitti akka kadhannu nu waan hin beenneef, haata'uu ammoo Ayyaanninuu worwaata himaamu hin dandeenneen nuu kadhata.


Isin waan argatan san hawwii foon keessanii guutachu'uuf jettanii dharaan waan kadhataniif hin argattan.


Haata'uu ammoo cuuphaa cuuphamuu na baarbachisu tokkotu jira; haga inni raawwatamuuf akka malee dhiphadha?


Haata'uu ammoo kun martinuu wonti ta'eef Kitaaboleen raattotaa haa raawwatamu'uuf» jedheen. Hennaa san darasoonni martinuu Isa dhiisanii dheessan.


Pheexroos ammo, «Yoma ka si woliin du'u ta'ellee'e, ani horoma si hin waakkadhu» jedheen. Darasoonni maruu akkasuma jedhan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite