Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 20:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Yesuus, «Maal barbaadda?» jedhe. Isiinillee, «Ijoollee tiyya lamaan tanniin jeennata kee keessatti tokko mirgaan tokko bita'aan akka taa'an naa godhi.» jetteen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 Yesus'llee, «Maal barbaadda?» isi'iin jedhe. Isiin'llee, «Mootummaa kee titti ijoollee tiyya kanniin lamaan, tokko mirga keetiin, tokko bitaa keetiin akka naa taa'an taasisi!» jetteen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Yesuus, «Maal barbaadda?» jedheen. Isiin, «Ijoollee tiyya lamaan tanniin jeennata kee keessatti tokko mirgaan; tokko bita'aan akka taa'an naa godhi» jetteen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 20:21
24 Referans Kwoze  

Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti, Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra hennaa taa'u, isinillee ammoo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan.


Hennaa san darasoonni isaa gara Yesuusii dhufanii, «Jeennata sami'ii keessatti ka maraa caalu eennuun ta'inna laata?» jedhaniin.


Isaanillee hennaa wolgayan, «Gooftaa kennaa! Ji'a kanatti mootummaa Isiraa'elii hin deebiftaa?» jedhanii gaafatan.


Mucattiin Herodiyaada'aa hennaa ol seentee sirbite, Heroodisii fi worra isa woliin taa'an maraa gammachiifte. Mootiinillee mucatti'iin, «Woma barbaadde maraa na kadhadhu sii kennaa» jedheen.


Yesuus dhaabatee isaan waamee, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» jedhe.


Eeganaa eega Kiristoosiin woliin kaatan, Kiristoosii mirga Rabbii taa'eeru isa ol jiru barbaadaa'a!


Jaalala obbolumma'aatiin isin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a.


Na keessa yoo jiraattan dubbii yoo isin keessa jiraate waan barbaaddan maraa kadhadha'aa isinii ta'a.


Akkasuma isaan keessaa namni nama maraa caalu eennu jedhanii wol morman.


Uduu isaan kana dhagaya'aaran Yesuus Yeruusaaleemitti waan dhiyaateeruuf, sababa namoonni jeennanni Rabbii ammuma waan gaye waan isaanitti fakkaateef mammaakaan akkana jedhee isaanitti mammaake.


Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya, arguu barbaada» jedhe.


Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan sunillee, «Barsiisaa'a! Ija tiyya akka naa bantu barbaada» jedheen.


Ka itti murteessu eennu? Ka du'e, caala'aatti ka worra du'an keessaa ka'ee ka mirgaa Rabbii jiru akkasuma waan keenna ka nuu kadhatu Yesuus Kiristoos.


Gooftaan Yesuusillee isaan woliin haga kana dubbateen maayii gara sami'ii ol deebi'ee mirga Rabbii taa'e.


Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan. Mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu, cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaanillee, «Ee hin dandeenna.» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite