Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 2:23 - WAADAA LAMMATAA

23 Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

23 «Naaziraawicha ni jedhama» jedhamee nabiyyootaan ka dubbatame, akka raawwatamuuf, gara magaalaa Naazireet jedhamttuu dhufee, ni jiraate.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

23 Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee dubbatame akka raawwatamuuf gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 2:23
20 Referans Kwoze  

Innillee, «Yesuusii Naazireetii si woliin maal qabna? Nu balleessu'uuf dhuftee? Eennuun akka taate si beeka, ati Woyyicha Rabbiiti» jedhee iyye.


Hennaa inni gara seensa balbalaa dhaqe, ta biraallee isa argitee, worra achi jiruun, «Namichi kun Yesuusii nama Naazireetii woliin jira» jette.


Kun martinuu wonti Gooftaan karaa raagaatiin dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e.


Namni kun akka dhibe'ee ta'ee Yihuudota adunyaa irra jiran maraa booressa'aa, worra barumsa sobaa barsiisaniif gosa worra filatameetiif masakkaa ta'ee waan argineef.


«Namoota Israa'elii dubbii kana dhagayaa'a! akkuma isinuu beettan Rabbi karaa Yesuusii Naazireeti'iitiin isin jiddu'utti baasaa fi maalale'een nama malkataan Rabbiin biraa isinitti mudhate.


Philaaxoosillee akkasuma barreeffama barreessee fannoo irra kaaye. Barreeffamnillee, «Yesuusii Naazireetii mootii Yihuudi'ii» ka jedhu.


Akkasuma ammallee, «Eennuun barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaannillee, «Yesuusii Naazireeti'iiti» jedhaniin.


«Yesuusii Naazireetii ti» jedhanii deebisaniif. Yesuus, «Aninuu isa» isaaniin jedhe. Yihuudaan dabarsee isa kennellee isaanuma woliin dhaabateera.


Yooseefii fi Maariyaam waan Seerri Goofta'aa ajaju mara haga godhanii fixaniin maayessa, gara qachaa ufii gara Naazireetii, ka Galiilaa keessatti argamuu deebi'an.


Maleekkaan Rabbii Gabri'eel ji'a jahaffa'aatitti gara qachaa Naazireetii Galiilaa keessatti argamtuu,


Gumiin isa woliin deema'aaran, «Kun Yesuusii raatticha qachaa Naazireetii ka lafa Galiila'aa keessatti argamuu dhufe» jedhan.


Hennaa san, Yesuus biyya Galiila'aatii gara qachaa Naazireetii dhufee harka Yohaannisiitiin laga Yordaanosiititti cuuphame.


Isaanillee, «Yesuusii Naazireetiititu karaa kana lufa'aara» jedhanii itti himan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite