Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 2:2 - WAADAA LAMMATAA

2 «Mootiin Yihuudotaa ka dhalate, eessa jira? nu urjii isaa karaa aduun baatutti arginee, isaa sagadu'uuf dhufneerra» jedhanii iyyaafatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Akkana'llee jedha'aa ni gaafatan, «Nugufnni worra Yihudotaa ka dhalate eessatti? Urjjii baya adu'uutii argnee isaa sagadu'uuf dhufinnee jirra.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 «Mootiin Yihuudotaa ka dhalate eessa jira? nu urjii isaa karaa baya biiftu'uutitti arginee isaa sagadu'uuf dhufneerraa» jedhanii iyyaafatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 2:2
28 Referans Kwoze  

«Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»


Philaaxoosillee eeganaa, «Ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani mootii akka ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.


Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkoonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha.


«Kun Mootii Yihuudotaati» jechi jedhu tokko afaan Giriikii, Roomaayisxii fi ibiraayisxiin barreeffamni barreeffame mataa isaa gubbaa jira.


Philaaxoosillee, «Ati mootii Yihuudiitii?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Maarre atuu jette» isaan jedhe.


Naatinaa'elillee, «Eessatti na beetta?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Uduu Filiphoos si hin waamne, uduu ati muka hurbu'uu jala jirtu si arge» jedheen.


«Mootiin maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Sami'ittillee nagaya, gammachu'uu fi ulfinna!» jedha'aa Rabbiin galateeffatan.


Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos.


Innillee, «Gooftaa kiyya! Hin amana» jedhee sagadeef.


Philaaxoosillee akkasuma barreeffama barreessee fannoo irra kaaye. Barreeffamnillee, «Yesuusii Naazireetii mootii Yihuudi'ii» ka jedhu.


Baala meexxi'ii qabatanii simachu'uuf bayan, «Hoosaanaa! ka maqaa Goofta'aatiin dhufu Mootiin Israa'eelii ka eebbifame!» jedha'aa wocan.


Yesuusillee bulchaa afoo dhaabate; bulchaanillee, «Ati mootii Yihuudotaatii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedheen.


Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef.


Mootiin Heroodisillee kana dhagayee naye.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite