Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 2:15 - WAADAA LAMMATAA

15 Haga Heroodis du'utti achuma taa'e; Gooftaan afaan raagaatiin, «Ani biyya Misiriitii ilma kiyya waame» jedhee dubbate suni akka raawwatamuuf kun ta'e.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Achitti'llee Heerodis haga du'uuf ni ture, kun'llee ka ta'e Gooftaan nabiyyichaan, «Ilma kiyya Gibxiitii ni waameen» dubbiin jedhe, akka raawwatamuuf.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Haga Heroodis du'utti achuma taa'e; kun ka Gooftaan afaan raagaatiin, «Ani biyya Misiriitii ilma kiyya waame» jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 2:15
21 Referans Kwoze  

Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfannaa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe.


Kun martinuu wonti Gooftaan karaa raagaatiin dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e.


Yoo akkana ta'e, wonti Kitaabni Woyyuu irratti barreeffame attamiin raawwatama ree?»


Wonti raattichi raage akka raawwatamuuf kun ta'e; wonti raattichi raagellee, «Intala Xiyooniitiin, ‹Kunoo, mootiin kee gad uf qabee, harre'ee fi ilmoo harre'ee irra taa'ee, gara kee dhufa'aara› jedha'aan» ka jedhu.


Wonti Isaayaas raattichi, «Inni dadhabbii keenna nu irraa fudhate. Dhukkuba keennallee baate» jedhe haa raawwatamu'uuf inni kana godhe.


Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e.


Haga Heroodis du'een maayessa, Maleekaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhate.


Akka kanaan wonti raattichi Ermiyaas jedhe raawwatame.


Kun wonti ta'eef, «Lafeen hin cabu» ka jedhu dubbiin kitaaba Rabbii akka raawwatamuuf.


Asiin maayii Yesuus wonti maruu akka raawwatame beekee, dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf, «Dheebodhe» jedhe.


Haata'uu ammoo kun martinuu wonti ta'eef Kitaaboleen raattotaa haa raawwatamu'uuf» jedheen. Hennaa san darasoonni martinuu Isa dhiisanii dheessan.


«Obboleeyyan tiyya! Worra Yesuusiin qabaniif bulchaa ta'ee Ayyaana woyyu'uun afaan Daawitiitiin dura wonti dubbatame sun haa raawwatamuu.


Haga fannisaniin maayessa uffata isaatitti hiree hixaa buusanii qoodaman.


Yooseefillee halkanniin ka'ee haadha fi daa'imallee qabatee, gara biyya Misirii deeme.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite