Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 19:22 - WAADAA LAMMATAA

22 Dargaggeessi sun dubbii kana hennaa dhagaye, qabeenna hedduu waan qabuuf, gadda'aa deeme.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

22 Dargaggeessichi garuu qabeenna baayi'ee ni qaba waan tureef kana yeroo dhagayetti, gadda'aa ni deeme.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

22 Dargaggeessi sun hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna hedduu waan qabuuf gadda'aa deeme.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 19:22
17 Referans Kwoze  

Ammallee Yesuus, «Eennullee gooftaa lamaa bitamuu ka danda'u hin jiru. Tokkicha hin jibba, kaan ammoo hin jaalata; yookiin tokkochaaf uf kennee kaan ammoo hin tuffata. Akkasuma Rabbii fi duniya'aa qixa bitamuu hin dandeettan» jedhe.


Sanyiin qoree edduu bu'e sun nama dubbii dhagayu, ka ammoo yaanni adunyaa tanaatii fi jaalalli durumma'aa isa sobee dubbii Rabbii waan hin hubanneef ka sanyii hin godhanne ta'a.


Eeganaa dharraa foonii ta lafa tanaa ka isin keessa jiru ajjeesaa'a, isaanillee seebaruu, battummaa, wol qirqissuu, waaqa tolfamaa kaddaamu'uu fi hawwii hamaa fa'a.


Waan kana beekaa'a, seebara yoo ta'e yookiin battii yookiin ka dharra'u, ka waaqa tolfamaa kaddaamullee, Kiristoosiif jeennata Rabbiititti ristii hin qabu.


Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf, fuula ufii gurraachessee, gaddee achii deeme.


Namni bu'aa adunyaa tanaa maraa yoo argate, lubbuu ufii ammoo yoo balleeffate maal isaa godha? yookiin namni gatii lubbuu ufiitiif maal kenna?


Inni ammoo haga kana dhagayeen maayessa dureessa waan ta'eef, guddisee gadde.


Mootiinillee hin gadde; Haata'uu ammoo waan dura kakatee fi namoota isa woliin jiraniif jedhee, mataa Yohaannisii muranii akka isi'ii kennan ajaje.


Mootiinillee guddisee gadde; haa ta'uu ammoo sababa keessummoota afo'otti isi'ii kakateef, waan isiin jette dhooggatuu hin feene.


Yesuus deebisee, guutuu ta'uu yoo feete, deemii, waan qabdu maraa gurgurii birrii hiyeeyyi'ii kenni; samii irratti durummaa argattaa; achiin maayessa koottuu, na faana deemi» jedheen.


Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani dhugamaan isiniin jedha, dureeyyiin jeennata sami'iititti galuun guddisee rakkisa'a.


Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, isin hin boottan mararoo baafattan, biyyi lafaa ammoo hin gammada. Isin hin gadditan. Haata'uu ammoo gaddi keessan gara gammachu'uu jijjiirama.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite