Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 19:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Yesuus deebisee, guutuu ta'uu yoo feete, deemii, waan qabdu maraa gurgurii birrii hiyeeyyi'ii kenni; samii irratti durummaa argattaa; achiin maayessa koottuu, na faana deemi» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 Yesus'llee, «Muda maleessa ta'uuf yoo barbaadde deemiitii waan qabddu maraa gurguriitii qarshii hiyyeesotaaf kenni, sami'itti qabeenna ni argatta, koottuutii'llee ana horddof!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Yesuus deebisee, yoo guutuu ta'uu feete deemii waan qabdu maraa gurgurii meetii hiyyeeyyi'ii kenni; samii irratti durummaa argattaa; achiin maayessa koottuu na faana deemi» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 19:21
31 Referans Kwoze  

Yesuus isa xiinxallee laalee jaalateenii, «Waan tokkotu sirraa dhidhata. Dhaqii, waan qabdu maraa gurgurii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, samii gubba'atti badhaadhummaa argattaa; achiin maayessa koottu na faana deemi!» jedheen.


Yesuusillee waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni, Sami'itti hin duroomtaa. Koottuu na faana deemi!» jedhe.


Qabeenna keessan gurgura'aatii worra hiyyeeyyi'ii kennaa'a. Hulee hattuun itti hin dhiyaanneef bakka xiinxanaan hin balleessinetti qabeenna hin dhumanne ka sami'iititti korojoo hin moofnetti ufiif kaayadhaa'a.


Akkasuma, eennullee isin keessaa qabeenna ufii maraa ka hin dhiifne darasaa kiyya ta'uu hin danda'u» jedhe.


Lafaa fi qabeenna gurguran kamuu akkuma isaan barbaachisutti maraafuu qooda'aa turan.


Ka naa hojjatu yoo jiraate, na faanaa haa deemuu; hulee ani jirullee hin jiraata. Ka naa hojjatu yoo jiraate Aabba hin kabajjaan.»


Inni isaan maraanuu akkana jedhe, «Namni na faanaa dhufuu barbaadu yoo jiraate, ufirraa haa bayuu. Guyya guyya'aan fannoo ufii baadhatee na faana haa deemuu.


Hoolonni tiyya laagaa kiyya hin dhagayan anilee isaan beeka; isaanillee na faanaa deeman.


Abbaan keessan ka sami'ii akkuma guutuu ta'e, isinillee guutuu ta'aa'a.»


Yesuus akkana isaaniin jedhe, kanaafuu qabeenna dharaa ka akkanaa ka adunyaa kanaatiin fira baafadhaa'a. Kana yoo gootan hennaa horiin sun isin jalaa dhumee harka duwwaa haftan, firri keessan jiruu bara baraa keessatti isin simatan.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti, Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra hennaa taa'u, isinillee ammoo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan.


Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Na faanaa deemuu ka fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu»


Barataan barsiisaa hin caalu, ka sirri'itti baratee fixe maruu ammo akka barsiisa'aa ta'a.


Achiin maayessa, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Leewwii jedhamu tokko, bakka qaraxa itti guuru uduu inni taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen.


Achiin maayii Yesuus gumii'ii fi darasoota ufitti waamee, «Namni na faanaa deemuu barbaadu yoo jiraate, uf haa waakkatuu; fannoo ufiillee baadhatee na faana haa deemuu.


Yesuus achii ka'ee uduu karaa san irra lufa'aaru, namicha Maatewoos jedhamu, ka bakka qaraxaa taa'ee qaraxu tokko argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ol ka'ee isa faanaa deeme.


Qabeenna caalu sami'itti isinuu akka qabdan beettaniirtan. Hidhama kiyyaaf garaa naa laaftan, qabeenni keessan hennaa fudhatamu obsitanii gammachu'uun laaltan.


Inni uduu karaa san lufa'aaru, Leewwiin ilmi Alfiyoosii hulee qaraxa itti qaraxu ka taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ka'ee isa faanaa deeme.


Yesuus ammoo, «Ati na faana koottu! Du'aan du'aa ufii haa awwaalatuu» jedheen.


Yesuus isaaniin, «Na faana koottaa'a! Ani worra namoota qabdan isin taasisaa» jedheen.


Dargageessillee deebisee, «Ani seerota kana maraa daa'imummaa kiyya irraa jalqabee eegeera. Amma ammoo maaltu narraa dhidhata? jedheen.


Dargaggeessi sun dubbii kana hennaa dhagaye, qabeenna hedduu waan qabuuf, gadda'aa deeme.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite