Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 18:3 - WAADAA LAMMATAA

3 «Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii akka daa'ima kanaa yoo hin taane, gara jeennata sami'ii horoma hin galtan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Akkana'llee ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, jijjiiramuu yoo dhabaattanii fi akka daai'maa yoo taatan malee, gonkumaa gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenttan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 «Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii yoo akka daa'ima kanaa hin taane, jeennata sami'ii horoma hin galtan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 18:3
28 Referans Kwoze  

Gooftaan arjaa ta'uu isaa mi'eeffattanii yoo jiraattan akka gara fayyinnaa ittiin guddattan, akka daa'imman amma dhalattee aannan soxxuutitti dubbii Rabbii ka dhara hin qabne dharra'aa'a.


Yesuus ammoo, «Jeennanni sami'ii ka worra akkasii waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhufanii hin dhoogginaa'a» jedhe.


Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'iman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a.


Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u.


Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.


Innillee akkana isaaniin jedhe, Balbala dhipha'aan ol seenu'uuf tattaafadhaa'a; ani isinitti himaa, namoonni hedduu seenuuf tattaafatan. Haata'uu ammoo seenuu hin dandeenne.


Eeganaa Gooftaa biraa guyyaan jajjabeennaa akka isinii dhuftuuf, waan dura isinii file Kiristoos Yesuusiin akka isinii ergu akka cubbuun keessanillee isinii haqamu, aagii galaa'a deebi'aa'a.


Garaan banii kanaa jabaateera; Ija isaaniitiin akka hin argine, gurra isaaniitinillee akka hin dhageenne; Qalbii isaaniitiin akka hin hubanne, deebi'eellee akka isaan hin fayyifne, Gurri isaaniillee duudeera, ija ufiillee dunuunfataniiran› jedhee waan mishaa dubbate.


Yesuusillee deebisee, «Hennaa ati muka Hurbu'uu jala jirtu si arge waan siin jedheef amantee? waan kana caalu argita jedheen.


Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee, horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe.


Ani ammoo akka amantaan kee hin banne sii kadhadhe. Atillee hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen.


Akkasuma gara jireenna bara baraa, gara Gooftaa keennaa fi gara jeennata fayyisaa keennaa Yesuus Kiristoosii galu'uuf mirga guutu'utu isinii kennama.


Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani dhugamaan isiniin jedha, dureeyyiin jeennata sami'iititti galuun guddisee rakkisa'a.


Qalbiin banii kanaa waan jabaateef, gurri isaanii hin dhagayu, Ijji isaanii dunuunfateera maarre isaan ija isaaniitiin hin argan, gurra isaaniitiinillee hin dhagayan, qalbii isaaniitiinillee hin hubatan, hin deebi'anille'e, anillee silaa isaan hin fayyisa› wonti jedhame raawwatameera.


Yesuus, «Hennaa soomtan akka worra fakkeessuu uf hin daalacheessinaa'a; namootaatti akka soomaniiran uf mudhisu'uuf fuula ufii guuran. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.


«Isin hennaa faateeffattan, akka worra fakkeessuu hin ta'inaa'a! Isaan akka worri biraa isaan arganiif, mana sagadaatii fi wolgayii karaa gugurdaa irra dhaabatanii kadhachuu jaalatan; ani dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.


«Eegasuu isin hennaa hiyyeeyyi'iif arjoomtan, akka worra uf tuulanii nama biratti ulfinna ittiin argatu'uuf jedhanii, mana sagadaatii fi karaa irrattillee uf mudhisu'uuf akkuma godhan, hin godhinaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii argataniiran.


Ani dhugamaan isiniin jedha, sami'ii fi ardiin haga luftutti seera keessaa tokkottiin yookiin qabxiin tokkottiinuu horoma hin raawwatamti malee hin baddu.


Inni daa'ima tokko waamee, afoo isaanii dhaabsisee akkana jedhe.


Eennullee ka akka daa'ima kanaa ka gad uf qabu jeennata sami'ii keessatti ka maraa caalu ta'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite