Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 17:23 - WAADAA LAMMATAA

23 isaanillee isa ajjeesan, guyyaa Sadaffa'aa du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Isaanillee guddisanii gaddan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

23 Isaan'llee ni ajjeesaniin, garuu guyyaa sadaffaa titti, du'aa ni ka'a.» Barattoonni isaa'llee waan kanaan haalaan ni gaddan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

23 isaanillee isa ajjeesan; guyyaa Sadeesso'oo du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Darasoonni guddisanii gaddan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 17:23
18 Referans Kwoze  

Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani gara Yeruusaaleemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha, hin ajjeefama; guyyaa sadaffa'aatitti ammoo hin ka'a» jedhee darasoota ufiititti himuu jalqabe.


Achiin maayii Yesuus, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddisee rakkata. Inni hin jibbama, hin ajjeefama; guyyaa sadihiin maayii hin ka'a» jedhee isaan barsiisuu jalqabe.


Haata'uu ammoo kana waan isinitti himeef gaddi garaa keessan keessa guuteera.


Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammoo guyyaa sadihitti deebisee ijaara» isaaniin jedhe.


Hennaa gaaraa gadi bu'an «Yesuus, Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan kana eennuttillee hin himinaa» jedhee isaan seere.


Achiin maayessa isaan itti baldan, hin dhaanan, akka isa fannisaniif worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Guyyaa saddaffa'aatitti du'aa hin ka'a.» isaaniin jedhe.


«Gooftaa'a, dogoggorsaan sun uduu lubbu'uun jiru, ‹Guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a› akka jedhe qaabanne.


Yesuusii fi darasoonni isaa achii bayanii Galiilaa keessa lufan. Yesuus, «Ilmi namaa harka worra isa ajjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanillee isa hin ajjeessan; guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a» jedha'aa darasoota ufii barsiisa'aa waan tureef, eennullee hulee inni jiru akka beeku hin feene.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite