Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 16:26 - WAADAA LAMMATAA

26 Namni bu'aa adunyaa tanaa maraa yoo argate, lubbuu ufii ammoo yoo balleeffate maal isaa godha? yookiin namni gatii lubbuu ufiitiif maal kenna?

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

26 Naminni qabeenna biyya lafaa mara yoo argate, lubbuu isaa garuu yoo balleesse, maal isa fayyada? yookiin naminni jijjiirraa lubbuu isaatiif maal kafaluu dandda'aa?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

26 Namni yoo bu'aa adunyaa tanaa maraa argate, lubbuu ufii ammo yoo balleeffate maal isaa godha? yookaan namni gatii lubbuu ufiitiif maal kenna?

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 16:26
11 Referans Kwoze  

Namni waan adunyaa tanaa maraa argatee, lubbuu ufii yoo balleeffate yookiin dhabe faayidaa maal argata?


Rabbi ammoo, ‹Ati cem'aaleessa nana halkan kana lubbuu kee si keessaa fuudhu'uuf soqaaranii, ka wolitti kuufatte kun ka eennuu ta'a?› jedheen.


Abrahaam ammoo akkana jedhee deebise, ‹Ilma kiyya, ati bara jireenna keetii waan mishaa akka argatte qaabadhu; Ali'aazaar ammoo akka rakkata'aa ture yaadi. Amma ammoo asitti isaa toleera, ati ammoo rakkata'aarta.


Ijji mirgaa yoo cubbuu si hojjachiifte, uf keessaa baasii gati; nafti kee guutuun gara asaabaa ka gatamee mannaa, nafa kee keessaa tokko fafaayuu sii woyya.


Namni lubbuu ufii hambisuu fedhe maruu hin balleeffata. Naaf jedhee lubbuu ufii ka dhabu maruu hin argata.


Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa, achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa hin kennaaf.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite