Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 16:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani gara Yeruusaaleemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha, hin ajjeefama; guyyaa sadaffa'aatitti ammoo hin ka'a» jedhee darasoota ufiititti himuu jalqabe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 Yeroo sanii jalaqabee Yesus barattoota isaatiin akkana isaaniin jechuu jala ni qabe, «Gara Yerusaalemii deemu'utu narra jira, achitti'llee jaarsotii, itti gaafatamoota qeesotaatii fi barsiisota seeraa irraa rakkinni narra ni gaya, ana ajjeesan, garuu guyyaa sadaffaa titti ni ka'a.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiititti, «Ani gara Yerusaalemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha; hin ajjeefama; guyyaa sadeesso'ootitti ammo hin ka'a» jedhee himuu jalqabe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 16:21
31 Referans Kwoze  

Haata'uu ammo, Ani akkana isiniin jedha; Eeliyaas duraanuu dhufeera, namoonni isa hin beenne, akkuma fedha isaanii isa godhan. Maarre Ilmi Namaallee harka isaaniititti hin rakkata» isaaniin jedhe.


«Gooftaa'a, dogoggorsaan sun uduu lubbu'uun jiru, ‹Guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a› akka jedhe qaabanne.


Akkasuma Ilmi Namaa lubbuu ufii kennee nama maraa furu'uuf dhufe malee, isaaf haa hojjataniif hin dhufne» jedhe.


Inni ammoo duraan dursee akka malee rakkatee dhaloota kanaan tuffatamuu barbaachisa.


Akkana isaaniin jedhe, «Kiristoos hin rakkata; guyyaa saddaffa'aa du'aa hin ka'a.


Achiin maayii Yesuus, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddisee rakkata. Inni hin jibbama, hin ajjeefama; guyyaa sadihiin maayii hin ka'a» jedhee isaan barsiisuu jalqabe.


Ulfinnaan mudhatanii, waan du'uu Isaatii fi waan Yeruusaalemitti Isa irratti ta'u dubbata'aa turan.


Uduu Yesuus waan kana dubbata'aaru, darasoota kudha lamaan keessaa tokko, Yihuudaan dhufee; gumiin hedduu isa woliin guraade'ee fi bokkuu qabatanii, bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni biyyaallee isa woliin dhufan.


«Guyyaa lamaan maayessa ayyaanni Faasika'aa akka ayyaaneffamu hin beettan. Ilmi Namaa worra Isa fannisutti dabarfamee kennama» jedhe.


Bulchoonni gadootaatii fi manguddoonnillee hennaa isa himatan womaa isaanitti hin deebifne.


Ani dhugamaan isiniin jedha, worra as dhaabatan kanniin keessaa, namoonni gariin hennaa Ilmi Namaa jeennata ufiitiin dhufu worri hin duune hin jiran» jedhe.


Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura.


Pheexroos hojjatti achi isa baasee, «Gooftaa kiyya wonti kun horoma sirratti hin ta'in» jedhee teedeffatuu jalqabe.


Hennaa gaaraa gadi bu'an «Yesuus, Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan kana eennuttillee hin himinaa» jedhee isaan seere.


Inni as hin jiru, akkuma dubbate ka'eera. Hulee reeffa isaa kaayan kootta'aa laalaa'a.


Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haata'uu ammoo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite