Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Maatewos 16:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Hennaa san Simoon Pheexroos, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbii jiraata'aa ti» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Yeroo sanitti Simoon Phexiros, «Ati Ilma Waaqa jiraata'aa Masihicha» jechu'uun, ni deebiseef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Hennaa san Simoon Pheexroos, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbii jiraata'aati» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Maatewos 16:16
38 Referans Kwoze  

Worri yabala keessa turan, «Dhugamaan ati Ilma Rabbiiti» jedhanii sagadaniif.


Isiinillee, «Ee Gooftaa'a, ati ka gara adunyaa tanaa dhufu Kiristoosii Ilma Rabbii akka taate, ani hin amana» jetteen.


Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e, ka amanee ragaa bayu maruu, Rabbi isa keessa jiraata. Innillee Rabbiin keessa jiraata.


Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan, raafamaaf sochii ta'e arganiiti, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan.


Nu Waaqa jiraataa fayyisaa nama maraa ta'e; keessumatu ka worra amananiititti waan abdanuuf, hin dadhabna, hin arabamnalle'e.


Yoosuu waan Yesuus Kiristoosii akka inni Ilma Rabbii ta'e mana sagadaa Yihuudotaa keessatti lallabe.


Isaanuu gara keessan dhufnee attamitti akka jiraanne, waan keenna waan dubbataniif, Waaqa jiraata'aa fi ka dhuga'aa akka tajaajiltan, Ilma ufii ka du'a keessaa kaase, Yesuusii lola dhufu jalaa nu hambisu, samii irraa akka eeddan waaqota tolfamaa irraa gara Rabbiititti attamitti akka deebitan isaanuu hin ragan.


Yesuus ammoo hin cadhise, Achiin maayessa bulchaan gadootaallee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin si wogee, ati Kiristoosii Ilma Rabbii yoo taate nutti himi» jedheen.


Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e nama amane malee ka adunyaa injifatu eennu?


Harka Rabbii jiraata'aatitti kufuun nama sodaachisa.


Inni hin cadhise malee, womaa hin dubbanne. Ammallee gadichi guddaan «Kiristoos Ilmi Rabbii ulfaataan si'ii?» jedhee isa gaafate.


Haata'uu ammoo, Yesuus inni Kiristoos ilma Rabbii akka ta'e akka amantan amantaanillee maqaa isaatiin jireenna akka isinii ta'u kun barreeffameera.


Naatinaa'elillee, «Eessatti na beetta?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Uduu Filiphoos si hin waamne, uduu ati muka hurbu'uu jala jirtu si arge» jedheen.


Haata'uu ammoo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yeruusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wolgayaniiranii, gara Maleekkoota laakkoofsaa olii,


Yoo ture ammoo, mana worra Rabbii keessatti namni amala attamiitiin akka jiraatu akka sirri'itti beettu sii barreessa, mannillee bu'uura utubaa dhuga'aa ta woldaa Kiristaanaa Rabbii jiraata'aati.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Manni Rabbii woyyuun, waaqa tolfamaa woliin firooma maal qaba? «Nu mana woyyuu Rabbii jiraata'aa waan taaneef, akkasuma Rabbi akkana jedhee dubbate; Ani isaan keessa jiraadha, isaan wodhakkaa deddeebi'a; Waaqallee isaanii ta'a. isaanillee banii kiyya ta'an»


Ergaan kun qalamaan uduu hin ta'in, Ayyaana Rabbii jiraata'aatiin dhagaa baxxicha ka dubbiin Rabbii irratti barreeffameen uduu hin ta'in garaa namaa keessatti barreeffameera.


«Isin namoota nana, maaf kana gootan? Nullee ammoo namuma akka keessaniiti waan duwwaa kana irraa gara Rabbii jiraataa ardii, samii, galaanaa fi waan galaana keessa jiraatu mara uumee akka deebitaniif Oduu Nagayaa isinitti lallabna.


Achiin maayessa ataabtichii gara isaa dhufee, «Ati Ilma Rabbii yoo taate, dhagaa kana xoroshoo akka ta'u ajaji» jedhe.


Karaa irra uduu deeman gara bisaanii gayan. Namichi qaama hormaataa hin qabne, «Ani amma bisaaniin akka hin cuuphamnee wonti na dhooggu maali'i?» jedheen.


Nullee ati Kiristoos Ilma Rabbii jiraata'aa akka taate amanneerra; beenneerralle'e» jedhee deebiseef.


Yaaqoobillee Yooseefiin uumate. Yooseefiin kun ka Maariyaamiin qaadhimate. Maariyaamiin tun ka, «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame Yesuusiin deette.


Inni deebisee, «Isin hoo eennu naan jettan?» isaaniin jedhe.


Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos.


Akkuma Aabbaan jiraataan na erge, anillee sababaa Abbaa kiyyaatiin jiraataa akkuma ta'u, akkasuma ka na nyaatullee sababaa kiyyaan jiraataa ta'a.


Simi'oon Pheexroos, «Gooftaa kiyya, gara eennuu deemna? Ati dubbii jireenna bara baraa qabda.


Nu'u dubbiian naa fi Silwaanosiin ka Ximootewoosiinillee isin wodhakka'atti lallabame Ilmi Rabbii Yesuus Kiristoos, Eeyi'ii fi wa'aa hin ture. Haata'uu ammoo isaan eyiin ta'eera.


Obboleeyyan tiyya! Maal laataa waan Rabbii jiraataa isin waakkachiisu dhartichaa fi onneen hin amanne isin keessaa tokkollee akka hin jiraanne uf eegaa'a!


Dhiinni Kiristoosii ka mudaa hin qabne ta'ee, Ayyaana bara baraatiin, ka Rabbiif uf dhiyeesse, attamitti waan kana caalaa Rabbii jiraataa akka kaddaaman, hujii du'aa irraa sammuu keessan hin qulqulleessine ree?


Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaaf Galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa,


Filiphoosillee, «Garaa kee guutu'uun yoo amante hin danda'ama» jedheen. Ammallee, «Yesuus Kiristoos Ilma Rabbii akka ta'e hin amana» jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite